Eegdonni daangaa Sa’udii godaantota Itoophiyaa hedduu ajjeesan – gabaasa HRW
Dhaabbati mirga namaaf falmu- Human Rights Watch gaabaasa haaraa baaseen, eegdonni Sa’udii daangaa Yaman irratti godaantota Itoophiyaa jumlaan ajjeesuu himeera.
Gabaasni kun akka jedhutti namoonni dhibbaan lakkaa’aman, baay’een isaanii lammiilee Itoophiyaa kan ta’an, Yaman – biyya waraanaan miidhamte, qaxxaamuranii Sa’udii Arabiyaa galuuf yemmuu yaalan rasaasaan ajjeefaman.
Godaantonni qaamni isaanii sababa rasasaan muramee akka jiraanii fi reeffa namootaa daandii irratti hafe arguu isaanii BBCtti himaniiru.
Godaantonni addatti BBCn dubbise haala sodaachisaa yemmuu halkaniin daangaa qaxxamuruuf imalaa turanitti, dubartootaa fi daa’imman hedduu dabalatee lammileen Itoophiyaa hedduu jireenyaa isaanii foyyesuuf jecha gara biyya boba’aan dureetti taatetti seenuf yemmuu yaalanitti dhukaasaa irratti baname himaniiru.
Dargaggeessi ganna 21 Mustafaa Soofiyaa Mohaammad, ”Dhukaasni utuu addaan hin citiin itti fufe,” jechuun BBC’tti himeera.
Waxabajjii bara darbe keessaa gartuu godaantota 45 ta’anii utuu daangaa ce’uuf iamalanii gariin isaanii dhukaasa irratti banameen ajjeefamuu isaanii himeera.
“Rasaasaan akkan rukutamellee hin hubanneen ture, garuu yeroon ol ka’ee deemuuf yaalu miilli koo gar tokko narra hin turre” jedha.
“Jireenya maatii koo fooyyessuuf jechan gara Saawuudii deeme,” kan jedhu abbaan ijoollee lamaa kun “ wanti ani abdadhe aruu hin dhugoomne. Amma abbaa fi haadhakootu waan hunda naaf godha,” jedha.
Magaalaa kaabaa Saadaatti suuraan BBCn arge akka agarsiisutti, godaantotni daangaa irratti miidhaman Jimaata galgala hospitaala seenaa turani. Bakka awwaalchaa dhiyoo jiru keessatti awwaalchi raawwatamaa ture.
Gabaasni kan BBCti.