Araara Sinoodosii jedhame booda hogganoota Sinoodosii Itoophiyaatiin shirri garaagaraa Oromiyaa keessatti tolfamaa akka jiru Bakka bu’oonni kutaalee lallabaa Oromiyaa garaagaraa irraa walitti dhufan himan.
(SQ-Ebla 5,2023)
Kutaalee lallaba Oromiyaa garaagaraa irraa walitti dhufuun Dilbata darbe Magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Buraayyuutti kan marii taa’an hoggantoonni fi amantoonni kunneen adeemsi Sinoodosiin Itoophiyaa gaaffilee Oromiyaa keessaa ka’an itti qabatee deemaa jiru akkuma kana duraa gaaffii Amantootaa kan cinatti dhiisee fi faayidaa namoota dhuunfaa giddugaleessa kan godhate jedhan.
Sinoodosiin Bataskaana Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa ammas sagalee uummataa dhagahuu hin fedhu. Namoota ofii barbaadee fi uummata keenya bakka hin buune ramaduuf sochii eegalee jira jedhu.
Nama uummata keenyaaf kabaja qabuu fi afaan keenyaan tajaajiluuf fedha qabu malee simachuuf qophii miti jedhanii jiru bakka bu’oonni kutaalee lallaba Oromiyaa garaa garaa irraa waltajjii kana hirmaatan.
Gaaffiin Afaan ofiin tajaajila amantaa argachuu fi kadhannaa mana amantaa Ortodoksii irratti ka’aa ture dhawaata guddachaa dhufuudhaan hanga Sinoodosii haarawa hundeessuutti gahee turuun yaadannoo yeroo dhiyoo ti. Adeemsi kun mana amantichaa keessatti atakaaroo jabaa erga kaaseen boodarra waliigaltee fi araaraan goolabamuun isaas ni yaadatama.
Sinoodosiin haaraa fi Sinoodosiin duraanii waliigaltee booda ibsa ijjennoo abbaa qabxii 10 irratti baasuun garaagarummaa jiru dhiphisuun gaaffilee amantootaa deebisuuf akka hojjetan himanii turan.
Haa ta’uu malee qabxii waliigaltee kanneen hojiitti hiikurratti ammas akkuma armaan duraan shirri garaagaraa akka jiru saaxilamaa jira.
Kutaalee lallaba Oromiyaa garaagaraa irraa walitti dhufuun Dilbata darbe Magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Buraayyuutti kan marii taa’an hoggantoonni fi amantoonni Ortodoksi tawaahidoo Oromiyaa adeemsi Sinoodosiin Itoophiyaa gaaffilee Oromiyaa keessaa ka’an itti qabatee deemaa jiru akkuma kana duraa shiraan kan guutame, gaaffii Amantootaa kan cinatti dhiisee fi faayidaa namoota dhuunfaa giddugaleessa kan godhate jedhan.
Sinoodosiin Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa ammas sagalee uummataa dhagahuu hin fedhu, namoota ofii barbaadee fi uummata keenya bakka hin buune ramaduuf sochii eegalee jira jedhu.
Sinoodoosichi abboota keenya cinatti dhiisuun muudama kan biroo ofiisaanii qopheessaa jira jedhu hoggantoonni fi amantoonni kunneen.
Faayidaa adamsuuf jecha namoota tajaajila Afaan Oromoo balaaleffatan gara Shaggar City fa’itti fidanii ramadaa jiraachuu akka fakkeenyaatti kaasanii jiru.
Tokkummaa keenya tikfachuun gaaffii keenya gara fuulduraatti dhiibuu malee filannoo hin qabnu kan jedhan amantoonni fi abbootiin nama uummata keenyaaf kabaja qabuu fi afaan keenyaan tajaajiluuf fedha qabu malee simachuuf qophii miti jedhanii jiru bakka bu’oonni kutaalee lallaba Oromiyaa garaa garaa irraa waltajjii kana hirmaatan.
Waltajjii magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Buraayyuutti taa’an kanarratti bakka bu’oonni kutaalee lallabaa Oromiyaa garaagaraa dhimmoota xiyyeeffannaa barbaadanii fi fuulduraaf waan gochuu qaban irratti bal’inaan mariyachuun waliigalanii jiru.
Bakka bu’oonni kutaalee lallabaa Oromiyaa garaagaraa dhimmoota xiyyeeffannaa barbaadanii fi fuulduraaf gaaffilee uummataa akkaataa deebisuun danda’amurrattis ibsa ejjennoo abbaa qabxii 15 baasanii jiru.