“Ethiopia fi Oromia
Ispeen fi kaatalooniyaa!
“Qabsoon walabummaa Kaatalonotaa sadarkaa qabsoo irra darbee kubbaa miilaa keessatti illee hanga ammaatti lubbuu godhatee socho’aa jira. Namoonni kubbaa miilaa ilaaluu jaallattan qabsoo walabummaa tapha kubbaa miilaa Elkilaasikoo spaanish laaligaa keessatti arguu dandeessu.
Nii yaadattu yoo ta’e waggaa saddeettan har’aa bara 2017 warri kaatalon mirga hiree murteeffannaa taasisaniin labsii labsatan hordofee tarkaanfii bal’aa mootummaan Ispeen fudhateen seenicha yaadachuu nii dandeessu. Garuu Kaataloononni maaliif Ispeen irraa foxxoq-uu barbaaduu?
Taateen kan eegale har’a miti, isa yaadachuuf duubatti deebinee seenicha ilaaluuti qabna. Bara 1714 waraa-nni Ispeen humnaan Kaataloonota weera-ree of jalatti isaan deebisuu irraa eegala. Kun immoo seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo wajiin wal fakkaata. Oromoon humnaan kolon-eeffame, koleen-effamuu irra darbee hanga ammaatti gadi qabamee impaayera jalatti jiraataa jira.
Yeroo sana irraa eegalee, aadaan, amantaan, walumaa galatti eenyummaan Kaataloonotaa Ispeeniin kan weera-rame ture. Bara 1930 mootummaan Ispeen warra kaatalooniif mirga ofiin of bulchuu yeroo kennutti, boodarra garuu lol-li sabaaf sablammootaa Ispeen ka’uudhaan lol-toonni jeneral Firaansiskoo Firaankoo teessoo mootummaa Ispeen to’atan. Jeneral Firaansiskoo Firaankoo aangootti ol bahuudhaan mirga ofiin of bulchuu Kaataloon haquudhaan aadaan, eenyummaanii fi seenaan warra kaataloon kan durii caalaatti akka awwaal-amu taasise. Oromoon utuu hin kolon-eeffatamiin dura biyya mataa isaa qaba ture. Jeneraal Firaansiskoo Firaankoon bara 1939 irraa eegalee waggaa 36f Ispeeniin humnaan cafaqee bulche. Addatti immoo Kaataloonota irratti humni isaa baay’ee adda ture. Boodarra mootiin kun bara 1975 sababa dhukkubaatiin addunyaa irra goone. Boqochuu isaa booda bara 1978 heera haaraa raggaasifameen bara 1714 irraa eegalee warra mootummaa Ispeeniin ukkaamfa-mneerra, mirgi keenya sarbameera jedhaniif bara 1939 irraa eegalee yeroo lammataaf mirga ofiin of bulchuu warra Katalaniif laatame. Achumaarraa ka’uudhaan Uummati Kaataloon gaaffiin mirga ofii kabachiifachuu akkuma jirutti ta’ee sammuu isaanii keessa gaaffiin biyya walabaa qabaachuu raawwatee hin banne ture. Deebi’ee bara 2006 kaatalonni sochii mirga dabalataa argachuu taasisanis, mootummaan Ispeen gaaffii mirga dabalaataa isaanii jalaa kuffise. Sana hordofee gochi mootummaa Ispeen Kaataloonota ittuu isaan aarse. Aarii kanaan kaataloononni mirga ofiin of bulchuu irra gara Biyya Walabaa qabaachuutti ol guddisan. Oromoon gaaffii isaa gaaffii daabboo irraa gara gaaffii biyya qabaachuutti ol guddifachuuti qaba jedhee kanan irra deddeebiin barreessaa tureef kanaafidha. Kana irraa ka’uudhaan bara 2010 irraa hanga 2017 waggoota jiran gidduutti hiriira mormii gurguddaa magaalaa Baarseloonaa dabalatee magaalota hedduu keessatti geggeessaa turaniiru. Naannoon Kaataloon mootummaa Ispeeniif naannolee hafan caalaatti gibira guddaa kaffalu, garuu baajenni naannoo isaaniif karaa mootummaa Ispeen ramadamuuf baay’ee xiqqoodha. Naannoo Kaataloon Indistiriiwwan gurguddaa qabaachuudhaan naannolee Ispeen hafan caalaatti galii qabaachuu, galiin sun isheerra darbee warra Ispeeniif iyyuu gahuu, hunda caalaatti naannoo badhaatuu ta’uu, ofirra dabartee naannoo warra hafan kan gargaartudha. Afaan, aadaa mataa ishee qabaachuu, irra darbee seenaa addaa qabaachuun ishee biyyummaan nuuf mala jechuun bara 2017 beekamtii mootummaa Ispeen malee bilisummaa fi walabummaa mataa ofii labsatan. Oromiyaa fi warra kaataloon wanti wal fakkeessu hedduudha. Oromiyaan naannolee gibira isaan mootummaa federaalaaf kaffalan kan warra kaataloon waliin wal fakkaata, dhiisiyyuu dachaa dachaa ta’a. Gibira humnaa ool jirraa guurratee baajeta ishee hin madaalle ramadaaf, baajeti sun nii ramadama malee tajaajila uummataaf iyyuu iddoo inni itti oolu baay’ee xiqqaadha. Meeshaalee dheedhiin Oromiyaa keessaa guuramu garuu warshaan naannolee birootti dhaabamanii qooda uummata keenya tajaajiluu qabu warra biraa tajaajila.
Kaataloon keessatti Uummati Dhibbeentaan 98% mirga foxxoq-uu labsateera jechuudhan paarlaamaan naannoo kaataloon biyyummaa labsan. Kana hordofee mootummaa Ispeen keeyyata seeraa biyyaa sanaa 155 bu’uura godhachuudhaan biyyummaa Kaataloon facaasuudhaan, hooggantoota Kaataloon hidh-uun walabummaan isaanii eeyyama seeraa hin qabu jechuun warra warraaqsa geggeessuuf daandiitti baha irratti lol-toota bobbaase. Uummata irratti halee-llaan raawwatame. Boodarra mootummaan Ispeen dhimma foxxoq-uu kaataloonotaa gaafa mirkaneessu dhibba keessa harka 98% osoo hin taane kan mirkaneesse dhibba keessa harka 43% qofa akka ta’e mirkaneeffate. Gamtaa Awurooppaa dabalatee warri lixaa mootummaa Ispeen cina dhaabbatan. Achiin booda gaaffiin biyyummaa warra Kaataloon yeroodhaaf qabbanaa’uu danda’eera. Boodarra suuta suuta hooggantoonni isaanii hidh-aa irra hiikamuun gara aangootti deebifaman. Beektonni dhimma kana irratti gaaffiin Biyyummaa Kaataloonotaa raawwatee waan dhaabbatu miti jechuun irra deddeebiin nii dubbatu. Gariin immoo gaaffichi “ramacii dibamedhas” jedhu. Taateen kun ammayyuu tapha kubbaa miilaa Ispeen keessatti tapha masaanuu (Elkilaasikoo) jedhamuun waamamu keessatti lubbuu godhatee adeemaa jira.
Laaligaa Ispeen keessatti taphni Riyaal Maadiridii fi Baarseelonaa kanaaf xiyyeeffannoo idil addunyaa argatee uummati addunyaa ala bulee kubbicha daawwata. Warri Baarseloonaa warra Maadiridiif harka kennuu hin jaallatan, Maadiridiin mo’amuu irra kilaaboota xixiqqoon mo’amuutu isaaniif gammachuudha. Warri Baarseloonaa warra Riyaal Maadiriditti taphataa ofii illee gurguruu hin jaallatan hanga har’aatti taphataa isaanii Liwus Fiigoon illee gantuu jedhanii abaa-raa jiraatu!!
Amma asitti gaafa gaaffiin walabummaa ka’u dhaloonni waan qabsoo hin galleef tokko tokko maal irraa walaboomna jedha, maalirraa walaboomta beektaa? Hidhaa alagaa irraa walaboomta, ajjee-chaa alagaa irraa walaboomta, heeraaf seera cacca-baa abbaa irree irraa walaboomta, ilaalcha alagaa irraa walaboomta, anatu siif beekaa irraa walaboomta, quucartee hafuu irraa walaboomta, sammuu garboom-fataatiin yaaduu irraa walaboomta, biyya malee hafuu irraa walaboomta!
Awurooppaa keessa iyyuu hanga ammaatti gaaffiin biyya walabaa qabaachuu akka jiru akka hubattuufan barruu kana qoode, Kaataloon Ispeen irraa walaboomuuf qabsootti jiru, Bosiniyaa fi Herzoof Goovinaan ammayyuu walirraa walaboomuuf mata mataatti hiree ofii murteeffachuuf qabsootti jiru, ati ammayyuu nyaattee buluu akka walabummaatti ilaalta ta’a. Kanaafuu dhaloonni kubbaa dhiitamtu keessa qabsoon akka jiru haa hubatu. Maaliif akka waa deggerru fi morminu illee hubachuuti qabnaan dhaamsa kooti!
Gadaa Gabbisaa Qondaala ABO