Haalli Fayyaa Hoggantootaa fi Qondaaltota ABO yaaddessaa tahuu himame.

Hogganootnii fi qondaalonni ABO mana hidhaa jiran haalli fayyaa fi qabinsa isaanii yaaddessaa ta’uu maatiin himan.

(SQ-Caamsaa 2,2023)

Torban lama dura mana hidhaa Buraayyuu irraa baafamanii achi buuteen isaanii dhabamee kan ture qondaalonnii fi hogganootni ABO, guyyaa muraasa dura magaalaa Duukamitti hidhamanii akka jiran beekameera. Mana hidhaa Duukam erga geeffamanii haalli qabiinsa isaanii fayyaa isaanii irratti daran yaaddessaa akka ta’e ibsameera.

Hogganoonni ABO kun mana hidhaa keessatti dhibee adda addaaf saaxilamuun isaanii kan gabaafamaa ture yommuu ta’u, nyaanni isaaniif dhiyaatu ga’aa waan hin taaneef dhibee isaanii kana kan itti hammeessaa jiru ta’uu maatiin himaniiru. Uffannillee waan isaaniif hin mijanneef kunis rakkoo biraa itti fidaa akka jirutu ibsame.

Miseensa Gumii Sabaa ABO Jaal Kennasaa Ayyaanaa fi qondaalli dhaabichaa jaal Gadaa Gabbisaa amma duras dhukkubsatanii mana yaalaatti deddeebi’aa kan turan yommuu ta’u, ammallee haalli fayyaa isaanii yaaddessaa akka ta’e himameera. Wal’aansa ga’aa argachaa akka hin jirree fi qoricha duraan fudhataa turan illee argachaa akka hin jirre maatiin himaniiru.

Gaafa mana hidhaa Buraayyuu irraa baafaman akka Komishiniin Polisii Oromiyaa mariisisuuf isaan barbaadu itti himamee kan baafaman ta’uu kan himan maatiin, uffata qorraa fi halkanii illee utuu hin fudhatiin akka achii baafaman himu. Yeroo ammaa kana bakka itti hidhamanii jiran magaalaa Duukamitti mana hidhaa dhiphaa keessatti hidhamanii rakkoof saaxilamanii akka jiranidha maatiin kan himan.

Magaalaa Buraayyuutti hidhamanii wayita turan qorra bakkichaa fi haalota adda addaan rakkachaa turuun isaanii gabaafamaa akkuma ture, Duukamittis rakkoo sana irra ulfaataan isaan mudatee akka jirutu gabaafame.

Addatti jaal Kennasaa Ayyaanaa nyaata nyaachuu dabalatee sochii hundayyu gargaarsa namaatiin kan taasisan ta’uufi yaala ga’aafi nyaata barbaachisu dhabuudhaan qaamni isaanii miidhamee jiraachuu maatiin himaniiru.

Hogganootaa fi qondaalota ABO kana manni murtiis bilisa lakkisee abbaan alangaas himata akka irraa hin qabne erga ibsee bubbuleera. Komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaas akka gadhiifaman gaafataa ture. Himataaf mana murtiitti utuu hin dhiyaatiin gariin gara waggaa afurii kaan immoo waggaa sadaffaa hidhamaa jiru

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *