Loli Kaaba ItoophiyaaTPLF fi Mootummaa Bilxiginnaa babal’atee itti fufuun ibsame.
(SQ-Hagayya 27,2022)
Maddeen garaagaraa akka gabaasanitti walwaraansi naannawaa daangaa naannolee Tigraay, Amaaraa fi Afaaritti babal’atee jira.
Mootummaan Tigraay humnoonni mootummaa federaalaa fi kan naannoo Amaaraa isa waraanaa jiraachuu himata.
Kana malees xiyyaara waraanaan lammiilee nagaatu magaalaa Maqaleetti kaleessa haleelame jedhee.
Mootummaan Federaalaa immoo ibsa har’a baaseen humnoonni Tigraay haleellaa isaanii itti fufuu beeksisee.
Haleellaa humnoota Tigraay kana Raayyaan Ittisa Biyyaa qolataa akka jiru karaa Waajjira Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaan Federaalaa beeksisee.
Kun otoo kanaan jiruu Ameerikaan haleellaan xiyyaaraa magaalaa Maqaleetti raawwatamuun akka ishee yaaddesse ibsitee jirti.
Embasiin Ameerikaa Finfinnee jiru ibsa gabaabaa barreesseen, gartuuleen walwaraansatti jiran gochaawwan lola hammeessan irraa akka ofqusatan hubachiisee.
Fuula isaanii gara marii nageenyaatti akka deebifatanis embasichi dhaamsa dabarsee jira.
Dhaabbanni Gargaarsa Daa’immanii UNICEF gama isaatiin haleellaa xiyyaaraa magaalaa Maqaleetti raawwatame balaaleffateera.
Mootummaan Tigraay haleellaa xiyyaaraa magaalaa Maqaleetti raawwatameen oolmaa daa’immaniitu rukutame jechuun isaa ni yaadatama.