(SQ-Hagayya 27,2022)
Waraanni Bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti, badii tokko malee ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuraa jiraachuu irra deddeebiin gabaasaa kan jirrudha.
Haaluma kanaan Waraanni faashistii Bilxiginnaa guyyaa dheengaddaa Hagayya 25/2022 Godina Wallagga Bahaa Aanaa Limmu ganda Mukarbaa Diimaa jedhamutti miseensota maatii tokkoo maqaan isaanii Aaddee Zannabuu Alamuu fi Intala isaanii Elsaabet Amanuu jedhaman badii tokko malee hidhuu Maddeen SQtti himan.
Akka maddeen keenya nuuf himanitti Waraanni Bilxiginnaa kun kana duras Abbaa warraa Aadde Zannabuu Obbo Amanuu Dassaalee maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo gargaarta jedhu itti maxxansuun, hidhuudhaan haga guyyaa har’aatti dararaa jiru jedhu.
Sababa Waraana Bilxiginnaaf jecha gad baanee ol deebi’uufuu rakkoo hamaa keessa jirra kan jedhan maddeen, rakkoo keenya nama itti himannus dhabne jirra jechun sabni Oromoo sagalee nuuf ta’a jechuun dhaamsa isaanii dabarfatanii jiru.
Mootummaan faashistii Bilxiginnaa gocha gara jabeenya saba Oromoo fi lammiilee Oromiyaa irratti raawwachaa jiru hammeessee itti fufeera.