Magaalaa Maqaleetti halkan edaa haleellaan diroonii gaggeefame.

Magaalaa Maqaleetti halkan edaa haleellaan diroonii gaggeefame.

(SQ-Hagayya 31,2022)

Magaala Maqaleetti halkan edaa haleellaan diroonii gaggeeffamuu aanga’oonni Tigraay himan.Jiraatan magaalattii tokko haleellan dhuguma halkan edaa raawwachuu fi garuu maal irratti akka xiyyeeffate akka hin beekne BBCtti himaniiru.

Dubbii himaan TPLF Getachew Raddaa tiwiitara gubbaatti odeeffannoo qoodaniin mootummaan magaala Maqalee keessatti haleellaa diroonii raawwate jechuun komatan.

”Bakki waraanaaf oolu kamuu xiyyeeffannoo haleellichaa hin turre. Hospitaalli Maqalee kanneen haleellaan kun irratti xiyyeefate keessaati” jedhan obbo Getaachew.

Dorooniin haleellaa raawwate yoo xiqqaate boombiiwwan sadii darbachuus himan.

Erga waraanni Mootummaa Federaalafi humnoota Tigraay deebi’ee eegalee Hagayya 26 haleellaan qilleensaa irraa jalqabaa magaalaa Maqaleetti raawwatame.

Sagantaan gargaarsa Daa’immanii UNICEF mana barnootaa daa’imman itti baratanitti haleellaa raawwateen namootni nagaa miidhamuu ibsuun haleellicha balaaleffatee ture.

Mootummaan Itoophiyaa haleella kanas ta’e kan jalqabaa ilaalchisee ifatti waan jedhe hin qabu.

Haata’u malee haleellaan qilleensa irraa jalqabaa raawwatee yeroo sa’aa tokko hin guunne keessatti mootummaan ibsa baaseen uummatni Tigraay haleellaa qilleensaa raawwatamuu malurraa akka of eegu dhaamee ture.

Buufataalee waraanaa fi iddoowwan waraanaaf oolan irraa uumatni akka faagatu akeekkachiise.

Yaada aanga’aan obbo Getaacheew qoodaniin cinaatti jiraataan magaalichaa BBC’n dubbise tokkos dhugumatti haleellaan qiilleensaa raawwatamuu mirkaneessanii, xiyyeeffannaan isaa maal akka ta’e hin ibsine.

Sababa malli kominikeeshinii naannicharraa adda citee jiruuf odeeffannoo dabalataa fi amanamaa argachuun rakkisaa ta’eera.

Gama kaaniin ammoo waraanni humnoota lafoo gidduutti torban darbe keessa eegalame jabaatee itti fufeera.

Waraanni kun uummata daangaa Amaaraafi Affaar keessa jiran irratti dhiibbaa akka uumu Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii sodaa qabu ibseera.

Erga waraanni haaraan eegalee to’annoo mootummaa jala kan turte magaalaan Qobboo waraana guyyoota muraasaan booda harka humnoota Tigraay kan gale yeroo ta’u uummatni naannolee ollaarra jiran sodaadhaan bakka jireenyaa isaanii gadhiisanii bahuuf dirqamaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *