Bosonni Tulluu Cuqqaala gubachaa jiraachuun dhagaa’ame.

Sagalee Qeerroo Logo
Bosonni Tulluu Cuqqaala gubachaa jiraachuun dhagaa’ame.
(SQ-Bitootessa 16,2022)
Bosonni godina Shawaa bahaa aanaa Liiban Cuqqalaa keessatti argamu kun erga gubachuu jalqabee guyyoota afuri ta’eera jedhu.
Sababa ibidda bosonaa kanaan lubbuun nama tokkoos darbeera; Qabiyyeen bosonichaa guddaanis manca’eera.
Bona akka kanaa waggaa waggaan kan gubatu bosonni Tulluu Cuqqaalaa, babal’ifannaa lafa qonnaaf jecha qaamoleen hawaasaa akka guban himamaa ture. Haata’uutii ibiddi miilana bosona kanatti qabate walakkaa bosonaarraa ta’uu kan himan jiraattonni, kun ammoo ka’umsi babal’ifannaa lafa qonnaa akka hin taane akeeka jedhan.
Hawaasnii naannichaa ibidda kana dhaamsuuf hanga oduu kana qindeessinetti carraaqqii godhaa jiru.
Bosonni Tulluu Cuqqaalaa akka bosonoota biroo daangeffamee eegumsa hin qabu kan jedhan jiraattonni naannawa bosona kanaa, bulchiinsa dhabuun isaa manca’inaaf saaxileera jedhu.
Sababa balaa ibiddaa waggaa waggaan isa mudataa jiruun qabiyyeen bosona Tulluu cuqqaalaa hir’ataa dhufeera. Balaan ibiddaa yeroo ammaa mudate ammoo isa hammaataa ta’uu maddeen odeeffaannoo keenyaa ibsaniiru.
Bulchiinsi Aanaa Liiban Cuqqaalaa humna ibidda kana ittiin dhaamsu akka hin qabne ibsuun, deeggarsa mootummaa naannoo akka barbaadu miidiyaaleef ibseera.
Yeroo garaa garaatti mootummaan Bilxiginnaa sababa Waraana Bilisummaa Oromootu keessa buufata jedhuun bosona bakkoota hedduu guba turuun yaadatamu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *