Kaayyoo, akeeka fi barbaachisuu MCBNO maaliif?

Kaayyoo, akeeka fi barbaachisuu MCBNO maaliif?
Mootummaan cehumsaa Biyyooleessa Naannoo Oromiyaa utubaa lammiilee Oromiyaa maraatti. Hundeeffamaa MCBNO keessaa dhaabilee siyaasaa Oromoo, jaarmiyaaleen hawaasaa, amantaa, fi qaamoonni sochii Qabsoo Bilisummaa jiraan hunduu hirmaana olaanaa keessaa qabuu.
Mootummaa cehumsaa Naannoo Oromiyaa mataa dhukkubbii diinoota Bilisummaa lammilee Oromiyaa qaban qofaaf sodaachisaa dha. Jaarmayaalee siyaasaa, hawaasummaa fi amantaa Biyyaa Oromiyaa keessaa fi alaa jiraan hunduu MCBNO ijaaruuf dirqamaa lammummaa ofitii fudhachuun hojeechaa jiruu.
Qabsoon saba fi fedha dhuunfaa addaa baasanii haasawuun tasgabbii mooraa qabsoo Bilisummaa Oromoof hedduu murteessaadha. Qabsoo keessaati anattu godheen naamuusa fi seeraa waraanaa ABO irra hubanoo dhabuurraa kana madduudha.
Qabsoon gamtaan gageefamaa, natuu osoo hin ta’iin nuttu akkas raawwatee gaafata. Qaamni diinaa tarsimoo qabsoo Bilisummaa waliin hariroo saalfii malee tolfannee jedhuu deebisee ijaarsaa MCBNO yoomu mormuu dhagahuu caalaa kan nama madeessuu hin jiraatuu.
Barbaachisumma MCBNO hubachuuf tooftaa fi tarsimoo hegeree Oromiyaa qaroo ija osoo hin ta’iin qaroo sammuu gaafata. MCBNO kan mormuu qaamota lama qofa, yakkamtootaa mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo keessaa fi lubbuu qabsawotaa harkaa dhiigaa qabaniif PP qofaa dha.
Maxxansaa MCBNO eegalaa kaase jiruu dubbisuun hubannoo gahaa argachuuf https://independentoromianetwork.org dubbisaa.
MCBNO humnootaa Oromiyaa keessaatti sochii kallattii hundumaa jiran irraa kan utubame dha. MCBNO lammiilee Oromiyaa sirna nagaa fi tasgabbii waaraa fiiduu dandahuu ijaaruuf hojii jiruudha.
Akeeki hundee QBO mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo kan uumaman qabu mirkaneessuu dha. Mirgi hiree murteeffannaa kun mirkanawuun cunqursaa fi saaminsa jaarraa tokkootti xumura godhee yoo dandaโ€™ame waltahiinsa siyaasaa walqixxummaa fi fedhii irratti hundaawe uummatoota kaan wajjin utubuu dha.
Kaayyoon MCBNO, hawwii fi dheebuu Oromoo fi Oromiyaa bara dheeraa kan tahe, sirna bulchiinsa mootummaa uummataan karaa haqa-qabeessaan filatame gad-dhaabuu dha. MCBNO, lammiileen Oromiyaa haga filannoo walabaaf haqa qabeessa taheen mootummaa isaanii filatan qofaatti tajaajila bulchiinsa haqa-qabeessaa fi dimokiraatawaa tahe kennaa turuun, akkuma bulchiinsi mootummaa uummataa hundeeffameetiin bokkuu aangoo seeraan dabarsee ni kenna.
Mootummaan Cehumsaa Biyyoolessa Naannoo Oromiyaa amma Maaliif dafee barbaachise?
1.Lammiilee Oromiyaa hundaaf waardiyaa Nagayaa dhaabbatuuf/tahuuf;
2. Balaa nageenyaafi goolamni siyaasaa dhalche deemaa jiru daraan gaaga’ama dingadeefi nagaa uummatarraa hambisuuf;
3. Duguugaa sanyii, ajjeechaa, saamicha, seer-dhablummaafi sarbama mirga namaa jiru hambisee sabatinsaafi nagaa fiduuf;
4. Biyya Lammiileen hundi bilisummaaf nagaan bahanii galan taasisuuf,
5. Biyya olaantummaa heeraafi seeraan bultu, biyya uummatni mootummaa isaaf tahu dhiibbaa malee nagaafi bilisaan filatee ittiin buluuf karaa banudha;
6. Mootummaa uummata Oromiyaa keessa jiraataniifi naannolee Oromiyaa jiran wajjiin nagaafi jaalalaan waliin akka jiraatan kan taasisu dha.
Maaliif MCBNO barbaachise gaafi jedhuu qaama qabsoo keessaa hirmaana fudhatee miti lammiilee n Oromiyaa hunduu qixaan hubannoo gahaa ta’ee ni qabuu. Injifannoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo milkeessuuf hinaafaa nattu keessaa bahaatii ololaa aangoo qilleensaa hurraa dhaabatani dantaa ummata beelaan, waraanaa, hidhaan roorrifamaa jiruu bira dhaabachuun murteessaadha. Kallattii qaamni maqaa xureessii MCBNO rakkatu uummanni qaamota laga abayaa ce’anii dhufan hiriirfamaa jiruu argaa fi dhageetti nama dhorkaa. Ololaa fi ololaa midiyaarraa dhaabadhaa qabsoo miidiyaa maqaa xureessii hariroo diinaa keessaa bahaatii mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo akkaataa fiixan bahuu irraatti asi deebi’uutu furmaata.
IUOF

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *