Ajjeecha Abbootii Gadaa Karrayyuu ilàlchisee Waldaan Ijaarsa Dubartoota Oromoo Idil Addunyaa xalayaa UNECO dhaaf barreessee.

Ajjeecha Abbootii Gadaa Karrayyuu ilàlchisee Waldaan Ijaarsa Dubartoota Oromoo Idil Addunyaa xalayaa UNESCO dhaaf barreessee.

(SQ-Hagayya 31,2022)

Dura teessuun waldaa ijaarsa Dubartoota Oromoo idil Addunyaa Aaddee Dinqinaash Dheeressaa turtii miidiyaa shanee news network waliin taasisaniin dhimma Ajjeefamuu Abbootii Gadaa karrayyuu ilaalchisee UNESCO,n akkuma Sirni gadaa jiraachuu isaa galmeessee jiru geggeessitoonni sirna Gadaa ammoo mootummaatiin ajjeefamuu akka baraniif xalayaa UNESCO dhaaf barreessine jedhan.

Qabiyyeen xalayaa keenyaa inni guddaan, UNESCO,n Abbootii Gadaa Karrayyuu mootummaa Bilxiginnaatiin ajjeefamaniif sagalee akka ta’udha kan jedhan Aadde Dinqeen, UNESCO,n Abbootii Gadaa karrayyuu jila irra jiran badii tokko malee kan ajjeese Bilxiginnaan seeratti akka dhiyaatu akka taasisuuf xalayaadhaan gaafannes jedhan.

Mootummaan Bilxiginnaa Sirni gadaa akka baduuf jecha geggeessitoota sirnichaa Abbootii gadaa Jumlaan ajjeese kan jedhan Aadde Dinqeen UNESCO,n hambaaleen seenaa kunneen akka hin banne gochuufi gocha dabaa Bilxiginnaan Abbootii Gadaa Karrayyuu irratti raawwates Addunyaan akka beekuuf jecha UNESCO dhaaf xalayaa barreesines jedhanii jiru.

Dhimma Abbootii gadaa karrayyuu mootummaadhaan ajjeefaman kanaa wayita UNESCOtti dhiyeessitan waan qabatamaa ittiin himattan qabduu jedhamanii kan gaafataman Aadde Dinqeen, Eeyyee Qaamotumtii Bilxiginnaayyuu Afaan isaaniitiin dubbataniiru jechuun, sanarra darbes dhimma Abbootii Gadaa Karrayyuu mootummaadhaan ajjeefanii ilaalchisee ibsi human rights wach ragaa guddaadhas jedhaniiru.

Mootummaan Bilxiginnaa maalirraa ka’eetu gocha gara jabeenya hamaa kana Abbootii Gadaa Karrayyuu irratti raawwate jettanii yaadduu gaaffii jedhuufis, Aaddee Diinqeen an akka ilaalcha kootitti Aadaan Oromoo akka baduu fi heeraaf seerri Oromoo akka baduuf akkasumas Abbaan Gadaa abbaa araaraa waan ta’eef warra Araara hin barbaanneefi inaaftotatu ajjeesen jedhas jedhan.

Inni ajjeeses inni ajjeesises seeraanis ni gaafatamaa Waaqayyos ni gaafata kan jedhan Aadde Dinqeen, mootummaan Bilxiginnaa gochaa duguuggaa sanyii wayita raawwatu akka ofiifis badu beeka jechuun garuu dursee balleessee baduu barbaadas jedhan.

Ittuma fufuudhaanis Akka waldaa ijaarsa Dubartootaa Oromoo idil Addunyaatti xalayaa yeroo garaa garaatti dhaabbattoota mirga namoomaaf galchinuun alattis sagantaalee dhabbattoota mirga namooma Addunyaa irratti qaamaan argamuun rakkoo Oromoo ibsaa turuun keenya mootummaa Wayyaanee irratti dhiibbaa godheera kan jedhan Aadde Dinqeen ammas uummanni Oromoo biyya alaaf keessaa, osoo ijaaramnee yaada tokkoon deemna ta’e bilisoomuun yeroo nurraa hin fudhatus jedhaniiru.

Sabni Oromoo UN, US fi kkf irraa gargaarsa eeggachuu dhiisee akkamiin jabaatee humna ta’uu danda’a gaaffii jedhuufis, sabni Oromoo yoo akka sabaatti gandaa fi Amantiin wal qooduu dhiisee irree tokkummaan ijaarame qofaadhas jedhan Aadde Dinqeen.

Dhumarrattis Impaayerri xoophiyaa seenaa sobaatiin ijaaramte kan jedhan Aadde Dinqeen, haga guyyaa har’aattillee sobichuma qabatanii deemaa jiraachuu ibsuun, wayita ammaa sadarkaa diigamuu isa xumuraarraa waan geessee jirtuf sabni Oromoo ilmaan isaa bosana jiran Waraana Bilisummaa Oromoo waliin falmatee gabrummaa kanatti xumura gochuu qabas jedhaniiru.

Maddi GMN!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *