Godina Qellem Wallaggaatti waraanni Bilxiginnaa daa’imni umrii 12 ajjeessan.

Godina Qellem Wallaggaatti waraanni Bilxiginnaa daa’imni umrii 12 ajjeessan.

(SQ-Caamsaa 01,2022)

Ebla 30/2022 Godina Qellem Wallaggaa Ona Jimmaa Horroo Araddaa Sichaawoo jedhamu keessatti hidhattootni pp daa’ima umriin 12 rasaasa itti dhukaasuun ajjeesuu maddeen ibsan.

Daa’imni umriin 12 hidhattoota kanaan ajjeefame Maqaan isa Carraa Eliyaas Baalchaa kan jedhamu kan dhalate Godinuma kana Ona Daalle Waabaraatti oggaa ta’u ka jiraatu ammoo Ona Jimmaa Horroo araddaa Sichaawoo jedhamu ture.

Ebla 30/2022 hidhattootni mootummaa bakka maatii isaa Sichaawoo irraa qabanii gara irra si oofnurra irra deemta jedhanii fuudhanii deemuuf oggaa jedhanitti, ani eessayyuu hin deemu yoon du’e asumattan du’a jennaan rasaasa itti dhukaasuun ajjeesuu jiraattotni himuu maddeen ni hubachiisu.

Sababni daa’imni ganna 12 Carraa Eliyaas hidhattoota bilxiginnaan ajjeefameef jedhu maddeen, Suuraa keetu sirba Waraana Bilisummaa Oromoon sirbamerra jira waan ta’eef hidhata “shanee” qabda jechuu irraatii jedhu.

Haaluma wal fakkaatuun Karrayyuu Fantaalleetti guyyaama kana Dargaggeessi Bulgaa Boruu jedhamu bakka horii tiksutti hidhattootuma kanaan ajjeefamuu odeessi arganne ifa taasisa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *