“Hanga kaffaltiin nuuf kaffalamutti hojiitti akka hin deebine walii galleerraโ€ Ogeessota Buufata Fayyaa Godina Arsii Lixaa

๐Ÿ”ˆ #SagaleeOgeessota Fayyaa

๐Ÿ”ด “Hanga kaffaltiin nuuf kaffalamutti hojiitti akka hin deebine walii galleerra. Hanga ogeeyyiin hundi kaffaltiin nuuf kaffalamutti hin hojjennuโ€.

๐Ÿ”ต “Namni kamiyyuu kan callise hin jiru cufamee turuun sirrii miti” – Hogganaa Biiroo Fayyaa

Ogeessonni fayyaa naannoo Oromiyaa godina Arsii Lixaa aanaa Adaabaatti buufataalee fayyaa sagal keessatti hojjetan sababa kaffaltii saโ€™aatii dabalataa kaffalamuu dhabuun guyyaa 05/05/17 irraa eegalee hojii dhaabuu isaanii ogeessonni fayyaa dubbataniiru.

Ogeeyyiin kunneen akka jedhanitti, bara 2015 irraa eegalee yeroo adda addaatti hojii saโ€™aatii dabalataa waggaa 1 fi jiโ€™a 5 oliif kaffaltii malee akka hojjetan himaniiru.

Qaamota naannichaa dhimmi ilaallatu deemnee gaafanneerra, garuu deebiin irra deddeebiin arganne “obsa qabaadhaa โ€œ kan jedhu ture sababa kanaan erga isaan waliin haasa’anii booda hojii dhaabuuf dirqamne jedhan.

“Ogeeyyiin kunneen irra caalaan isaanii Aanaa keessaa baqatanii bakka adda addaatti dhokatanii kan jiran yoo ta’u, hoggantoonni ambulaansiin balbala balbala irra deemanii, ogeessota fayyaa barbaadanii, doorsisaa jiru,” jedhu.

Ogeeyyiin kunneen, “yeroo adda addaatti hoggantoota godinaa fi Aanaa waliin marii hedduu taasifnee turre, garuu ‘hanga gibirri sassaabamutti eegaa, maallaqni hin jiru, obsaa’ jechuu malee deebii biraa hin arganne, kanaaf dhaabuuf dirqamnee jirra.” Jedhan

“Hanga kaffaltiin nuuf kaffalamutti hojiitti akka hin deebine walii galleerra. Hanga ogeeyyiin hundi kaffaltiin isaanii kaffalamutti hin hojjennu Ogeessi kaffaltiin isaa kuufamee kuma 100 gahe jira,” jedhan.

“Mindaa kanaan, qaala’iinsa jireenyaa kanaan jiraachuu hin dandeenyu. Sadarkaa dhumaa irra geenyeerra. Warri ijoollee qaban ijoollee isaanii guddisuu hin danda’an. Hojjechuus jiraachuus hin dandeenyu. Yeroo tarkaanfii kana fudhannu gara siyaasaatti garagaluun ‘hidhamtu jedhanii nu doorsisan’,” jechuun dabalaniiru.

Ogeeyyiin kunneen akka ibsanitti, buufataalee fayyaa godinichaa hundatti lagannaan kun itti fufus, buufataalee fayyaa tokko tokko haadholii daโ€™umsaaf dhufan qofaaf tajaajila kennaa akka jiran, garuu buufataalee fayyaa hunda irratti hojiin idilee dhaabbachuu isaanii ibsaniiru.

Hogganaan Waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaa Adabaa Obbo shimallis Fayyisaa ogeeyyiin kunneen hojii sa’aatii dabalataa hojjetaniif kaffaltiin akka hin kaffalamiin mirkaneessaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *