Achi buuteen isaa dhabamee ajjeefamee awwaalcha dhabe

Du’e jedhanii booyanii hin awwaallanne jira jedhanii barbaadanii hin arganne gooticha sanyii Warqituu Iyyaasuu Mohaammad

Gootni ni dhalata malee akka itti du’uu fi eessatti akka du’u hin beeku.
Iyyaasuu Mohaammad gootota dacheen walloo biqilchite keessaa tokko yoo tahe bara weerara somaalee Oromiyaa bahaa irratti raawwatame Ilmaan Oromoo walloo qindeessuun haala hamaa keessatti nuyi Ilmaan warqituu isin bira jirra jechuun Oromoota bahaa Oromiyaa jajjabeesseera.

Iyyaasuu Mohaammad yeroo Oromiyaan goleen biraa dhiigdu hammeenya isaanii waliin qooddachuurra darbee qaamaan deemuun Oromoota golee biraan wal baraa wal dubbisaa ture.

Iyyaasuu Mohaammad yeroo Humni nafxanyaa daangaa walloo humnaan rukutanii cabsuuf weerara bananis ummata isaa waliin dura bu’ee diina daangaa cabsuuf yaale Oromoota walloo waliin rukutanii of irraa deebisuun daangaa Ilmaan Oromoo walloo akka kabajamtu kanneen jaarraa kana keessa godhan keessaa tokko ture.

Iyyaasuu Mohaammad erga qabamee hidhamee waggoota lamatti kan Giiftii kan tahe yoo tahu hanga ammaatti maatii fi hiriyyootni isaa akkasumas Ummatni Oromoo bal’aan bakka jiru hin beeku.

Akka odeessaaleen bahaa jiran mul’isanitti Iyyaasuu Mohaammad waggaa tokko dura mana hidhaa Awaash Arbaa irraa baafamee akka ajjeefame dubbatamaa jira.

Akka maddeen amanamoon yeroo sana Iyyaasuu Mohaammad waliin hidhamaa turan dubbatanitti Iyyaasuu Mohaammad waliin namootni 5 mana hidhaa Awaash Arbaa irraa baafamanii ajjeefamuuuf osoo deemanii namni 2 miliqee jalaa bahuun namootni 3 Iyyaasuu Mohaammad waliin ajjeefamuu akka hin oolle maatii Iyyaasuu Mohaammadiif himanii jiru.

Gootichi Ilmi walloo Yeroo Oromoon goleen biraa Gaddus gammadus waliin qooddachuun beekamu har’a ofii achi buuteen isaa dhabamee ofii Oromoota irraa sagalee dhabee duuti isaas du’a Saree tahuun gadda ulfaataa tahee jira.

Iyyaasuu Mohaammad goota gootummaan jaarraa kana keessa diina daangaa walloo cabsuuf yaalaan dura dhaabbatee daangaa Oromoon kabachiise sirni pp qabee hidhee dhabamsiisuun ajjeesee awwaalcha dhabee miilla Bakar waaree tahee hafe.

Oromoon badii tokko malee sababa Oromummaa isaan sabboontuu /naa taheef sirna ppn qabamee hidhamuun ajjeefamee bineensa nyaachisamaa jira

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *