Godinaa Wallagga Lixaa Aanaa Begiitti;Godina Qellam Wallaggaa Anfillootti dhibee busaa fi beelaan uummati Oromoo dhumaa jira.
Akkuma beekamu lola waggoottan shanan kana Waraana Bilisummaa Oromoo fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti adeemaa jiruun,aanaaleen Godina Wallaggaa daangaa irra jiran rakkoo beelaa fi dhibee daddarbaan qabamuu hammataa fi baratamaa ta’aa adeemuun yeroo ammaa kana hawaasni hedduun dhibee tamsa’aa weerara busaatiin qabamuu fi beelaan dhumaa jiraachuu maddeen nuuf himaniiru.
Gabaasni keenya bakkicha irraa argannee fi kan Aanaa Anfilloo,baadiyyaa Muggii irraa maatii isaa magaala jiraatu dubbifne walumaa galatti hawaasni mana yaalaas dhaqee dhibuu qorichaa irraa yaala malee du’aa jirra jechuun dubbatan.
Namni maqaa isaa akka dhahamu hin feene magaalaa Finfinnee irraa dubbifne maatiin keenya Muggii jiran horii isaanii akka itti gurguratan dhabamuu irraa maallaqa mataa kootii yoon ergeef illee midhaan kan akka boqqolloo,hanciroo (bisingaa)faa kubbaayyaatti birrii afurtama ta’uu isaatiin dhumuuf deemna jedhan jechuun nuuf hime.Gama kanaan maallaqa ittiin bitatan caalaatti midhaan bitamu dhabamuu fi rakkoon dhiyeessii kun isa hedduu yaaddessuudha.
Magaalaa Beegii,Kobar,Qondaalaa,Qashmandoo fi iddoolee hedduutti rakkoo dhibee busaa fi rakkoo beelaan hawaansi gaaga’amaa jirra kan jedhan namooti dubbifne,maddi rakkoo kanaawaraana ta’us addatti mootummaan Itoophiyaa hawaasa WBOn keessa maandheffatee lolaa jiru kana irraa dhiyeessii kutuun fixuu karoora “Galaanicha goksuu” jechuun Fiqaaduu Tasammaan waltajjii Caffee Oromiyaa irratti dubbate dhugoomsaa jira.
Haala amma Oromoon iddoolee waraanaa akka Gindabarat,Kiiramuu,Amuruu fi kanneen kana fakkaatan keessa jiru irratti hawaasni Oromoo biyyoota addunyaarra jiru dhiibbaa hatattamaa akka taasisuu gaafanna.