Iluu Abbaa Boor Mattuutti gareen Faannoo haleellaa raawwate

Godina Iluu Abbaa Booraa Magaala Godinattii kan taate Mattuuti caasaan Faannoo sochii taasisaa jira.

[SQ,Fulbaana 28,2023]

Caasaan Faannoo deeggarsa mootummaa naannoo Oromiyaa fi Federaalaa argachuun biyyattii keessatti ijaaramaa turan qindoomina kallattii fi alkattii mootummaa aangoo qabatee jiru wajjin taasisaa jiraniin Oromiyaatti jeequmsa taasisaa jiru.

Dhiyeenya kana Godina Jimmaa Aanaa Limmuu Kossaa magaalaa Limmuu Gannati irratti sochii taasisuu isaanii gabaasuun keenya ni yaadatama.

Yeroo ammaa kana Oromiyaa Kibba Lixaatti ittuma fufuun Faannoon sochii ijaarsaarra darbuun haleellaa taasisuu jalqabuu isaatu odeessisaa nu qaqqabee jira.

Kaleessa galgala jechuun Fulbaana 27,2023 gareen faannoo Oromiyaa Kibba Lixaa Godina Iluu Abbaa Booraa magaalaa Mattuutti sochii ijaarsaa fi dargaggoota Oromoo torban darban kesssa caasaa biltiginnaa wajjin ta’uu nama hiisisaa turan,yeroo ammaa kana haleellaatti seenuun dargaggoo Abdii jedhamu reebanii yeroo ammaa kana hospitaala Mattuutti yaalama jira.

Jiraattootni magaalaa Mattuu gareen shorqubataa haala garagaraatiin magaalatti keessatti of ijaaruu yeroo itti fufee qabee yoo iyyannes kan nu dhagahu dhabnee yeroo ammaa kana ijaaramuun qe’ee abbaa keenyaa irratti haleellaa akka nurratti taasisan kan harka lafa jalaatiin eyyama kenneef mootummaa Biltsiginnaati jechuun yaada isaanii Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromootiin gahaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *