Mootummaan Impaayera Itoophiyaa daandii imalaa ugguraa jira.
[SQ, Fulbaana 27 2023]
Yeroo si’anaa kana erga mootummaan Prosperity Party jedhamu aangootti bahee ayyaanota hawaasaa irratti uggura taasisuun bartee beekamaa ta’aa dhufeera.
Guyyaa har’aa kanas hawaasni Sulultaa gara Fiichee ykn Fiichee irraas Finfinnee akka hin seenne dhorkamee jira.
Sirni paartichaa ayyaana Irreechaa irratti irra deddeebiin maqaa koronaa fi rakkoo dhibee daddarbaa jedhuun uummati ayyaana irratti bahee akka gammachuusaa hin ibsanne gochuuf ugguuraa tureera.
Guyyaa har’aa kanas imaltootni gara magaalaa Finfinnee akka hin seennee fi hin baane jechuun daandii Sulultaa fi Fiichee gidduu jiru ugguree hawaasa rakkisuutti jira.