Baankiin Siinqee hojjettoota Baankichaa irratti yakka dalagaa jira jedhame

Baankiin Siinqee mirga hojjettoota sarbe,qabeenya uummataa Oromoos saame jechuun hojjettootni komatan .

Fulbaana 20,2023 irraa jalqabee guyyoota jahaffaaf hojjettootni Baankii Siinqee duula lagannaa labsanii hojiitti hiikaa jiraachuu odeessi SQ qaqqabe ni mul’isa.

Duulli lagannaa kun maaliif barbaachise jennee hojjettoota dameelee baankichaa odeessa nuuf himanii fi maamiltoota fayyadamtootaas dubbifnee yaada armaan gadii nuuf kennanii jiru

Baankichi maayikiroo faayinaansii WALQO jedhamu irraa kan Siinqee jedhamee moggaafamee fi hojiirra jiru tahuu nuuf himuun
“Baankiin kun duraan WALQO jedhamee yeroo hundeeffame qabeenya magaalota Bishooftuu,Naqamtee,Asallaa,Jimmaa fi Mattuu fa’itu walitti dhufee hundeesse.

Har’a Baankiin Siinqee kun gandummaadhaan kan liqimsame jechuunis hojjettootni baankichaa ni dubbatu.
Manaajerootni firoomaa fi ganda dhalootaan irratti wal ijaaramanii kan qacaraman tahuu fi qabeenya Oromoo bal’aa kan Salaalee fi Shawaa Lixaa duwwaadha jedhanii yeroo itti ilaalan irra gahameera jechuunis komii isaanii SQtti dubbataniiru .
Hojjettoota Baankichaa irratti loogii amantaa,gosaa fi gandaatu qaqqaba.Baankichi mirga hojjettootaa ulaagaa Baankii Biyyaalessaa gadiitiin hojjechiisuun manaajerootni olaanoon saamicha guddaatti jiru jechuunis ni balaaleffatu.

Hojjettootni Baankii Siinqee akka nuuf dhaamanitti nuyi baankii siyaasaa kan Shimallis,manaajeroota wajjin paatiroolii waraana ittiin bituu fi bichisiisutti mirgi keenya sarbamuun dhaabbachuu akka qabuu fi ummatni bal’aan akka nuuf hubatu barbaanna jedhu.

Hongee Booranaa irratti miliyoona 115 kennina jedhanii waadaa galanii kan turan Baankiin Siinqee bulanii dirqamaan kaffalaa nuun jedhan hojjettoota irratti muranis jedhan.
Hojjetaa fi hojjechiisummaa dhaabbatichaa cabeetu,qabeenyaa baankichaa kennuurra kiisa dhuunfaa keenya saamanii kaffalan,nu saaman,daa’imman keenya hagabuu bulchan jechuunis komii isaanii ni dubbatu

Miindaan hojjetamu kan manaajerootaati.Liqaa ofii gadhiisanii fudhatanii bulanii liqii hojjetaa haqu,isa hojjetaan head Office liqeeffatu warra dameetu hojii hojjetee galchaaf jechuunis shira baankii siinqee keessatti raawwatamaa jiru himu.

Baankichi Qabeenya Oromootiin Oromoo rakkisuurra bulchiinsoti magaalotaallee garbummaa Shimallis jalaa bahuuf baankicha diiganii kan uummata Oromoo lagaan hin qoodne dhaabuu qabu jechuunis yaada isaanii SQf himaniiru.

Hojjettootni Baankii Siinqee Diddaa hanga guyyaa har’aa kanaan kasaaraa kitila hedduu kan mudate yoo tahu .Baankii gandee kana diignee baankii Oromoo dhaabna.Kanaaf kara deemtoti muudamaan dhufanii dafqa keenya hin nyaachuun dhaabbachuu akka qabus hojjettootni Baankii Siinqee jabeessanii dubbatu.

Tajaajilamtoota Baankii Siinqee keessaa yaada akka nuuf kennan kan gaafatne keessaa namni tokko akkas jedhuun nuuf himan “guyyoota darban kana inuman deddeebi’a garuu konneekshiniitu hin jiru jechuun rakkoo argaan jira” jechuun yaada isaanii nuuf kennanii jiru.

Komii isaanirra gahu kana SQn gaaffii fi deebii hojjettootni Baankii Siinqee himatanii fi maamiltootni jedhaniif Obbo Niwaay Magarsaa dubbisuuf yaaliin goone ammaaf hin milkoofne.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *