Abee Dongorootti  Faannoon Amaaraa weerara bananiin manneen Ummataa gubuun qabeenyaa ummataa konkolaataan fe’atee saamaa jira.

 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti humni Finxaaleyyii Amaaraa Faannoon qabeenyaa ummataa saamuun manneen ummataa barbadeessaa jiru.

Mudde 28/2022

Humni finxaaleyyii Amaaraa Faannoo guyyaa sadan kana jechuunis Mudde 26,27,28/2022 lola ummata nagaa irratti baneen manneen ummataa gubanii barbadeessuun qabeenyaa ummataa konkolaataan fe’atanii deemaa jiraachuu jiraattotni ni dubbatu.

 

Akka jiraattotni Aanaa Abee Dongoroo gandoota akka Tulluu Gaanaa,Loomicaa, mandar 15 fi kanneen biro keessatti humni hidhate Faannoo jedhamu hidhannoo gurguddaan W3O fi Humna Addaa Oromiyaa barbaanna jechuun gandoota baadiyyaa Aanaa Abee Dongoroo keessatti namoota nagaa ukkaamsee fudhachuu fi manneen Ummataa gubee barbadeessuun qabeenyaa ummataa loowwan dabalatee kanneen akka Qamadii fi Boqqolloo konkolaataan fe’atanii deemaa jiraachuu maddeen naannichaa SQ himanii jiru.

 

Ilmaan Oromoo naannichaa irraa Humni RIB meeshaa kamuu akkan qabanne qabatee kan argame ni ajjeefama jechuun kan ummatni qabu irraa funaanee kan fuudhe yoo tahu yeroo ammaa kanas RIB aanicha lakkisee deemuu hordofee humni faannoo hidhannoon naannicha weeraruun duguuggaa sanyii ummata Oromoo irratti kan fakkaatuun saamicha dabalatee miidhaa jajjabaa raawwachaa jiraachuun jiraattotni Aanaa Abee Dongoroo ni himatu.

Yeroo ammaa kana Aanaa Abee Dongoroo keessatti humni faannoo maqaa W30 fi HAO barbaanna jechuun erga weeraree namoota dadhaboo fi daa’imman ukkaamsee Qr hanga 10,000 yoo kaffaltan malee jechuun lubbuu isaanii kan oolchataa jiran tahuu illee jiraattotni ni dubbatu.

 

Weerarri Aanaa Abee Dongorootti guyyoota sadan kana bifa haaraan baname dirmannaa tokko illee dhabuun ummatni hedduun baqataa kan jiru yoo tahu qabeenyaan ummataas konkolaataan fe’amee gara naannoo Amaaraatti geeffamaa jiraachuu illee jiraattotni ni himatu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *