Waldaan Maccaafi Tuulamaa ajjeechaa fi weerara Oromiyaa irratti raawwataa jiru balaaleffachuudhaan yaada furmaataas dhiyeesse.
Mudde 27/2022>
Waldaan Walgargaarsaa Maccaa fi Tuulamaa ibsa Mudde 22/2022 baaseen ajjeechaa Oromoo irratti raawwatuufi weerara daangaa Oromiyaa irratti ta’aa jiru balaaleffateera.
“Obboleessakee akka ofiiketti jaalladhu, waan akka siif godhamu barbaaddus godhiif” dhaadannoo jedhu qabatee deeggarsa hawaasummaa, dinagdee, siyaasa, aadaafi amantiidhaan uummata Oromoofi saboota kaaniif taasisuuf kan hundeeffame Waldaan Walgargaarsa Maccaafi Tuulamaa haala yeroo Oromiyaa keessaa ilaalchisuudhaan ibsa turban darbe baaseen Itoophiyaa keessatti baroota dheeraaf Oromummaan hacuucamaa turuu raga qabatamaa seenaan deeggarame wabeeffachuudhaan yaadachiisee har’allee ilaalchi sun itti fufee jiraachuu akeeke.
“Har’as waggaa afran darbaniif naannoon Oromiyaafi Benishaangul Gumuz nageenyaafi tasgabbii dhabuun hiraarfama hamaa xumura hin arganne keessa jiru” kan jedhe dhaabbanni hawaasummaa kun, erga lolli kaabaa eegalee as naannooleen akka Amaaraa, Tigiraay, Afaar fi bakkoonni kaanis Finfinnee dabalatee rakkoo keessa akka turan hubachiise.
Ajjeechaan seeraan alaa, achi buuteen dhabamuu namootaa, saamicha qabeenyaa, gudeeddaa dubartootaa, hidhaa jumlaan, qabeenyaafi maatii waliin gubachuun, sababa dhabamuu nageenyaatiin qe’eerraa buqqa’uun uummataa, uummataaf jireenya idilee ta’uu ibsuudhaan safuun bade jaarsoliin salphachuun babal’achuusaa akeekeera.
“Keessumaa Oromiyaa keessatti uummanni meesha maleeyyii qaama hidhatan kan Faannoo jedhaman kanneen ollaa irraa itti duulaniifi kan uummaticha waliin jiraachaa turaniin akka bineensaa adamfamanii utuu addaan hin baafamiin xinnaa guddaan jumlaan yoo ari’ataman, ajjeefaman, qe’eerraa buqqa’an, qalaman, saamaman, manni irratti gubatu, midhaaniifi qabeenyi barbadaa’u addunyaan callisuun yaaddoo guddaa qofa osoo hin taane, waam miira keessa nama galchuufi laphee namaa cabsudha. Qe’ee ofii irratti salphachuu, qaana’uufi iraarfamuu caalaa kan nama laalessu hin jiru” jedheera waldaan kun.
Waldichi haalli amma ta’aa jiru kun dhufaa jiraachuusaa hubachuudhaan waggaa lama dura yeroo adda addaatti mootummaa federaalaa xalayaan gaafataa turee deebii erga dhabee booda ibsas baasuudhaan qaamni dhimmi ilaalu furmaata akka itti kennu gaafachuusaa guyyaa xalayaa barreesseefi ibsas baase eeruudhaan yaadachiiseera.
Madda jeequmsa amma Oromiyaa fi Benishaangul Gumuz keessatti mul’aa jiruu kan ta’e haasaawwan jibbiinsaa haasa’amaa turan eeruudhaan qaamni ykn namoonni jeequmsa kana kakaasaa fi yakka gara jabinaa raawwataa turan seeratti hin dhiyaatiin hafuun isaanii akka rakkootti kan ilaalamu ta’uu waldichi hubachiiseera.
Haala Oromiyaan keessa jirtu haala obsuu nama dandeessisu akka hin taane hubachiisuudhaan waldichi yaada furmaataa qabxii 8 of keessaa qabu kaa’eera.
Jalqabarratti, balaafi lolli uummata meesha-maleeyyii mancaasaa jiru kun akka dhaabbatu gaafateera. Dhaabbilee fi namoonni haasaa jibbiinsaa facaasanii balaa kana uuman itti gaafatamummaa akka fudhataniifi seeratti akka dhiyaatan, hidhamtoota siyaasaa mana hidhaatti argamanan ajjeechaan seeraa alaafi iraarfamni akka irraa dhaabbatu, bakkeewwan lola jala jiran haalli isaanii akka ifa ta’utti dhaabbilee idiladdunyaaf akka banamu, lammiilee qe’eerraa buqqa’aniif gargaarsi akka godhamu karaan akka banamu ykn haalli akka mijatu, waraanni uummata gaaga’ama keessa galche kun akka dhaabbatu, qaamoleen yakka raawwatan seeratti akka dhiyaatan, dhaabbileen idil-addunyaa kanneen mirga dhala namaaf falmaniifi dhaabbanni mootummoota gamtoomanii holola warra haasaa jibbiinsaa facaasanii fudhatanii gar tokkoof akka hin loogne of eeggannoo akka godhan WWMT hubachiisee jira