Mana hidhaa Daalattiitti hidhamtoota siyaasaa 193 ta’an jiraachuu Koreen Deeggarsa Hidhamtoota Siyaasa Lammilee Oromiyaa beeksise.

Mana hidhaa Daalattiitti hidhamtoota siyaasaa 193 ta’an jiraachuu Koreen Deeggarsa Hidhamtoota Siyaasa Lammilee Oromiyaa beeksise.

(SQ-Caamsaa 31,2022)

Ragaan Koree Deeggarsa Hidhamtoota Siyaasaa lammilee Oromiyaa tibbana baase akka ibsuutti mana hidhaa Daalattii, kan magaalaa Sabbataatti argamu keessatti, hidhamtoonni siyaasaa 193 ta’an akka argamanidha.

Ragaan kun akka eerutti hidhamtoonni mana hidhichaatti argaman irra jireessaan dargaggoota umuriin isaanii digdamoota keessa jiru wayita ta’an, maanguddoon ganna 72 illee keessatti argamu.

Hidhamtoonni siyaasaa kunniin, irra jireessaan Finfinnee fi Naannawaa ishee, godinaalee giddugala Oromiyaa keessaa qabamanii kanneen hidhamanidha.

Hidhamtoota siyaasaa kanneen keessa torba dubartoota jedha Koreen Deeggarsa Hidhamtoota Siyaasaa lammilee Oromiyaa.

Hidhamtoonni kunniin hedduun isaanii murtoo tokkollee osoo hin argatin hanga waggaa 1 fi sanaa oliif mana hidhaa jiraachuu ibsa ragaan kun. Isaan itti murtaa’ee hanga waggaa sadii fi sanaa oliif mana hidhichaa keessatti ugguramanii jiranis jiraachuu eera.

Sabbataatti kan argamu manni hidhaa Daalattii, bakka dhalattooti Oromoo sababa ilaalcha siyaasaa isaaniitiin itti dararaman, akkasumas iddoo namoonni akkanumaan shakkamteetta jedhamuun daandii fi bakka hojii isaaniitii qabaman itti hiraarfaman ta’ee jiraachuun kanaan duras dhimma akka komiitti dhiyaataa turedha.

Haalli qabiinsa hidhamtoota mana hidhichaa rakkoo guddaa qabaachuu, hidhamaan dhibame wal’aansa argachuunillee rakkoodha jedhu.

Daalattii dabalatee manneen hidhaa Oromiyaa keessatti argaman hedduun bulchiinsa mootummaa biltsiginnaa jalatti rakkoon itti hammaatee, keessumaa hidhamtoota siyaasaaf giddugala dararaa ta’aniiru.

Hidhamaa dararuu fi baasanii ajjeesuunis gochoota hidhattoota Bilxiginnaan irra deddeebiin raawwatamanii dha.

Manneen hidhaa naannichaa keessatti dhalattoonni Oromoo kumaatamaan lakkaa’aman badii tokko malee dararamaa jiraachuu ragaaleen mul’isu.!

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *