Labsii MCBNO ofitti fudhannee jirru hojitti haa hiiknuun dhaamsa yeroon gaafattuu dha.

๐‘ถ๐’“๐’๐’Ž๐’๐’ ๐’‡๐’Š ๐‘ณ๐’‚๐’Ž๐’Ž๐’Š๐’Š๐’๐’†๐’†๐’ ๐‘ถ๐’“๐’๐’Ž๐’Š๐’š๐’‚๐’‚ ๐‘ต๐’‚๐’ˆ๐’‚๐’‰๐’‚๐’‚๐’ ๐‘น๐’‚๐’Œ๐’Œ๐’๐’๐’๐’†๐’† ๐‘พ๐’‚๐’๐’™๐’‚๐’™๐’‚๐’‚ ๐‘ช๐’–๐’‡๐’‚๐’“๐’“๐’‚๐’‚ ๐‘ซ๐’‚๐’๐’…๐’‚๐’Ž๐’‚๐’•๐’‚๐’๐’Š๐’Š ๐‘ถ๐’“๐’๐’Ž๐’Š๐’š๐’‚๐’‚ ๐‘ฒ๐’†๐’†๐’”๐’”๐’‚ ๐‘ต๐’‚๐’ˆ๐’‚๐’‰๐’‚๐’‚๐’ ๐‘ฑ๐’Š๐’“๐’‚๐’‚๐’„๐’‰๐’–๐’–๐’‡, ๐‘ถ๐’“๐’๐’Ž๐’Š๐’š๐’‚๐’‚๐’ ๐‘จ๐’ˆ๐’๐’๐’ƒ๐’‚๐’“๐’‚ ๐‘ฐ๐’Ž๐’‘๐’‚๐’‚๐’š๐’Š๐’“๐’‚ ๐‘ฌ๐’•๐’‰๐’Š๐’๐’‘๐’Š๐’‚ ๐‘ฑ๐’‚๐’๐’‚๐’•๐’•๐’Š ๐‘ฉ๐’‚๐’“๐’‚ ๐’ƒ๐’‚๐’“๐’‚๐’‚๐’ ๐‘จ๐’‡๐’‚๐’‚๐’ ๐‘ธ๐’‚๐’˜๐’˜๐’†๐’†๐’•๐’Š๐’Š๐’ ๐‘ณ๐’–๐’ˆ๐’‚๐’‚๐’Ž๐’‚๐’Ž๐’•๐’†๐’† ๐‘จ๐’Œ๐’Œ๐’‚ ๐‘ฏ๐’Š๐’ ๐‘ฑ๐’Š๐’“๐’‚๐’‚๐’๐’†๐’†๐’‡ ๐’€๐’†๐’“๐’๐’ ๐‘ฒ๐’‚๐’Ž๐’Š๐’Š๐’š๐’š๐’–๐’– ๐‘ช๐’‚๐’‚๐’๐’‚๐’‚ ๐’€๐’†๐’“๐’๐’๐’ ๐‘ฐ๐’•๐’•๐’Š ๐‘ด๐’๐’๐’•๐’–๐’Ž๐’Ž๐’‚๐’‚ ๐‘ช๐’†๐’†๐’‰๐’–๐’Ž๐’”๐’‚๐’‚ ๐‘ฉ๐’Š๐’š๐’š๐’‚๐’‚๐’๐’†๐’”๐’”๐’‚๐’‚ ๐‘ต๐’‚๐’‚๐’๐’๐’๐’ ๐‘ถ๐’“๐’๐’Ž๐’Š๐’š๐’‚๐’‚ (๐‘ด๐‘ช๐‘ฉ๐‘ต๐‘ถ) ๐‘ฐ๐’‹๐’‚๐’‚๐’“๐’‚๐’๐’๐’– ๐‘จ๐’Ž๐’Ž๐’‚ ๐‘ป๐’‚’๐’–๐’– ๐‘ธ๐’‚๐’ƒ๐’‚!

Oromiyaa keessatti nageenyi waaraa fi tasgabbiin sabatiinsa qabu argamuu kan danda’u, Ibiddi Saafaa halkanii guyyatti Oromiyaa irraa bobahaa jiru kun dhaamuu kan danda’u, labsii Mootummaa Ceehumsaa ABOn labse fudhachuun ummanni mootummaa ummataa ummataan filatame yoo ijaarate qofaa dha.

Murni aangoo polotikaa afaan Qawweetiin dhuunfatee maqaa mootummaatiin aangoo polotikaa dheereffachuuf dhama’u, akka mootummaa Ummataatti ummata tajaajiluun rakkoo ummataa furuun hafnaan, ofiifuu waan qabatee gadi dhiisu dhabuun of jiraachisuuf of ittisuu qofa fala godhateera.

Haala amma qabatamaan lafarratti mul’ataa jiruun Murni PP kan dur caalaa Lola Qawwee fi Diinagdee ummata irratti baneera. Keesaawuu Oromiyaa dirree waraanaa taasiseera.

Gama kaaniin, lola ummataan waliinii Tigraay irratti waggaa tokkoo oliif gaggeessaa jiran yeroo itti milkaawu dadhabanitti #Araara jechaa, asiin ammoo Oromiyaa irratti Qe’ee Oromoo Oromiyaa Aarsaa kaffalchiisaaru.

Akka kanaan,

_Maqaa gara garaa ummata nagahaatti moggaasuun daa’imni dhalattuun, Dubartiin ulfaa fi manguddoon osoo hin hafne jumlaan hidhuu, ajjeesuu fi qe’ee irraa buqqisuun qe’ee isaanii ibiddaan gubaaru.
_Araaraan fixachuu dadhabuun waraana xumura itti gochuu hin dandeenyeef, Waraana Bilisummaa Oromoo Ummata Oromoo keessaa balleesinaan ganamaa galgala yakka Oromoo irratti raawwataa jiraniin dhiitta mirga namoomaa hangana hin jedhamne gaggeessaaru.
_Balaa uumama Bonni bonni dheeratee hoongeen hammachuun beela Gammoojjii Oromiyaa Baalee, Harargee, Gujii fi Booranatti Sa’aaf nama fixaa tureef akka mootummaati dhaabata gargaarsaa qabatamaa fi mul’ataa tokko dhaabee ummata kana dandamachiisuu hin dandeenye, inumayyuu maqaa gargaarsaan gargaarsa ummata miidhameef dhaabilee miti mootummootaa fi mootummoota biraa irraa argatan kaaznaa mootummaatti galchuun dhimma itti bahan.
_Ummanni keenya ofii isaatiiyyuu waan qotate, daldalatee fi horsiifateen of danda’ee qomoo isaa isa biratti miidhamaa jiru dandamachiisuu bakka hin danda’anitii maqaa Gibiraa, Gabataa Misoomaa fi Raayyaa ittisa biyyaa gargaarran saamicha humna olii ummata ireaan gahaa jira.

Walumaa galatti, goolama siyaasaa (political crisis) qaama aangoo polotikaa dhuunfateen biyyattii mudateen wal qabatee Impaayirattii digrii 360n gubataa jirti;Oromiyaan ammoo caalmatti bobahaarti. Ibidda kana Oromiyaa irraa dhaamsinee rakkoolee gosa hundaa Oromiyaa fi Lammiilee Oromiyaa mudataniif furmaanni jiru tokkichi kan Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n kaaye Mootummaa Ceehumsaa Biyyaalessaa Naannoo Oromiyaa Ijaarachuu duwwaa dha.

Waan taheef, Labsii MCBNO ofitti fudhannee jirru hojitti haa hiiknuun dhaamsa yeroon gaafattuu dha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *