Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Bitootessa 29,2022

Duula Oromoofi Oromiyaa irratti Maqaa Oppiraashinii Farra Riphee Lolaa jedhun Mootummaan Bilxginnaa geeggeessuf jedhu Duula Oromummaa balleessuu waan ta’eef Uummanni Oromoo dura dhaabbachuuf ofqopheessu qaba!

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Bitootessa 29,2022

Mootummaan Bilxginnaa Waggoota sadan darbaan walitti fufinsaan Oromiyaa irratti duula guddaa labsun badii himaame hin dhumne Uummataa Oromoo irratti raawwaacha ture ammas raawwaacha jira.

Maqaa Shanee gargaartu jedhun Oromiyaa guutuu keessatti Waraanni Mootummaa Bilxginnaa Abbootti, Haadhoolii, Dargaggoo fi Shamarran, Saalaafi umuriin osoo adda hin baasin ajjeecha juumlaa Uummata Oromoo irratti raawwaacha jira.Kana malees mana fi qabeenya uummataa barbadeessuun qe’ee isaarra buqqisaa jira.

Mootummaan Bilxginnaa ajjeecha ofiin rawwaatun cinatti Faannoofi Milishaa Amaaraa hidhachiisun waliin ta’ee Walloofi Matakkal dabalatee Oromiyaa guutuu keessatti gocha sanyii duguuggaa Uummataa Oromoo irratti raawwaacha jira. Guyyaa guyyaan waanti Uummataa Oromoo irratti raawwaacha jiru dhagaa’uuf iyyuu ni ulfaata.

Bilxginnaan Kaaba biyyattiti TPLF waliin dhukkaasu dhaabu labsaa Oromiyaa irratti ammoo duula waraanaa adda ta’ee labsuuf qophitti jira duula kanaaf akkeektu guddan hasawaa Obbo Shimallis Abdiisaa Caffee Oromiyaa 2ffaa irratti Shanee ji’a tokko giddutti balleessina jechuun godhe ragaa guddaadha.

Mootummaan Bilxginnaa maqaa Oppiraashinii Farra riphee lolaa jedhun Duula Waraana adda ta’ee Oromiyaa fi Oromoo irratti geeggeessuuf humnoota alagaa Guuzaa kadhaachun qophitti jiraachuus hubaanne jira.

Duuli Bilxginnaan Oppiraashinii Farra riphee lolaa jedhun duula waraanaa Oromiyaa irratti geeggeessuuf jedhu duula Oromoofi Oromiyaa balleessuu waan ta’eef Uummanni Oromoo addatti ammoo Qeerroofi Qarreen Oromoo duula kana dura dhaabbachuun Oromummaafi Oromiyaa badii irraa akka oolchinu Qeerroon Bilisummaa Oromoo waamicha isaa dhiyeessa.

Itti dabaluunis Ilmaan Oromoo Poolisii Oromiyaa, Rayyaa Ittisaa Biyya, Poolisii Federaalaafi Tika biyyatti keessa hojjettan yeroon itti uummataa keessaniif dhaabbatan amma waan ta’eef sirna Abbaafi haadha keessan ajjeessu tumsuu irraa Uummata keessaniif dhaabbachuun duula Bilxginnaan umurii angoo isaa dheereffachuuf geessuuf jedhu duraa dhaabbachuun seenaa keessan akka haaresitan Qeerroon Bilisummaa Oromoo waamicha Oromummaa isniif godha.

Dhumma irratti Dhaabbileen Mirga namoomaaf falman, Mootummoonni Gamtoonni UN, Gamtaan Afirikaa AU fi Gamtaan Awurooppaa EU Duula Waraana Mootummaan Bilxginnaa Oromiyaa irratti geeggeessa jiru xiyyeeffannoon akka hordooftan, fi dhiibbaa barbachiisu Mootummaa Bilxginnaa irratti akka gootan cimsinee gaafanna.

Injifannoon Uummataa Oromoof !

Qeerroo Bilisummaa Oromoo !

Bitootessa 29,2022!
Finfinnee!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *