Waraanni Bilxiginnaa wallagga Lixaatti Dargaggoota 3 ajjeesun 1 yoo 1 madeessuun Shawa lixaattis barattoota 5 rasaasaan rukutaan.

(SQ-Bitootessa 29,2022)

waraanni Bilxiginnaa Bitootessa 28,2022 Godina Wallagga Lixaa Aanaa Laaloo Assaabii Magaalaa innaangoo bakka Qoyee jedhamutti dargaggooota 3 Taarikuu Waaqshuumaa, Maammoo Guddataa, fi Tolasaa Miratee jedhaman rasaasaan yoo ajjeesan, Dargaggoo Boggaalee Amaanaa jedhamu ammoo madeessuu maddeen keenya nuuf himan.

Akka maddeen keenya nuuf himanitti dargaggoonni ajjeefaman kunneen Namoota siyaasa keessa hin qabne akkasumas hawaasa biratti jaallatamummaa guddaa qabanidha jedhu.

Oduuma wal fakkaatuun Shawaa Lixaa Aanaa Cobiitti waraanni mootummaa barattoota 5’n rasaasaan rukute. Haleellaan kun kan raawwatame Bitootessa 23, 2022, Aanaa Cobii ganda Maksaa Lakkuu mana barumsaa Qongeetti ta’uu mirkaneeffannee jirra.

Barattootni kunniin lafti nagaadha jedhanii akkuma yeroo kaanii Mana Barumsaatti yaa’anii osoo barachaa jiranii, waraanni mootummaa magaalaa Cobiitii gadi yaa’uun kallattii Mana Barumsaatti rasaasa roobsuun miidhaa jajjabaa barattootarraan gaheera.

Dhukaasa kanaan barattootni miidhaman:
1, Shuumii Cawwaaqaa barataa kutaa Shanii,
2, Faanosee Gaarii barattuu kutaa Sadii,
3, Shaamee Dabaree barataa kutaa sadii,
4, Bosee Gammachuu barataa kutaa sadii fi
5, Galaanee Gaddafaa barataa kutaa 1 yoo ta’a, Miilarra kan rukutamte Galaanee Gaddafaa miilli irraa cituu odeessi Aanicharraa arganne ni mul’isa.

Waraanni Bilxiginnaa maqaa shanee deeggartu jedhuun uummata nagaa ajjeesuu, saamuu fi qabeenya uummataa gubuu jabeessee itti fufeera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *