Ebla 15 GGO yeroo kabajannu Gootota wareegaman yaadachaa kaayyoo fi akeeka isaan irraa kufan galma geesisuuf kan itti irbuu haaromsannudha.
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Qabsoo uummanni Oromoon baroota 1960 oota keessaa eegalee bifa qindaayaan karaalee adda addaa gaggeessaa ture deemsa keessa dhaaba jabaa ummata Oromoof falmu ABO hundeessuu dandaheera.
Ummatni Oromoo roorroo bifa hundaan isa irratti raawwatamuuf falmaa hadhooftuu kaffaluun ilmaan isaa qaalii kitilaan itti wareeguun bakka har’a geenye kana dhiigaa fi lafee qabsaahotaan gahamuun dandahameera.
Ilmaan Oromoo Oromiyaaf jedhanii jireenya qananii dhiisanii roorroo fi cunqursaa sabaa fi biyya irratti hammaate qolachuuf qabsoon eegalan seenaa dhiigaan barreessanii xurree qabsoon nutti argisiisanii ofii wareegamanii qabsoon akka itti fuftu nutti dabarsanii darban. yeroo hunda kan yaadataman yoo tahu addatti immoo Ummatni Oromoo Addunyaa irra jiraatu bakka tokkotti Ebla 15 GGO jechuun gootota lubbuun isaanii Oromiyaaaf darbe kan yaadatee ooludha.
Ebli 15 akka Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo tahu kan filatameef sababa gahaa waliin yoo tahu innis Ebla 15, bara 1980tti Goototni ilmaan Oromoo kanneen Adda Bilisummaa Oromoo bu’uuressuu fi hogganuun Dirree qabsoo hidhannoo saaquu fi Waraana Bilisummaa Oromoo gadi dhaabuu keessatti qooda ol’aanaa qabaachaa turan (Hayyu-Duree fi Itti Aanaa HD ABO dabalatee) akkasumas qondaalotni waraanaa fi dabballootni gameeyyiin kan keessatti argaman namootni 10 dirqama qabsoo ol’aanaadhaaf osoo amna irra jiranii bakka fi yeroo tokkichatti Oromoof jennee tokko taanee baanee, maqaa amantaan gargar hin baanu jechuun seenaa ifaa fi mul’ataa hojjatanii Shiftaa Sumaaleen bakka Shinnigga jedhamutti boolla tokkotti wareegaman yaadachuuf kan akeekamedha
Wareegami Shinniiggaatti Hoggannoota ABO qaqqabe osoo waggaa tokko hin fixiin hoggannoonni ABO qabsoo hidhannoo Dirree Dhihaa saaquuf garasitti bobba’aan Hayyuu Duree ABO ammaa Jaal Daawud Ibsaa kan keessatti argamu jaallan 17 dhiha Oromiyaa Gidaamii bakka Giraay Sonkaa jedhamutti Mudde 21,1981 summii nyaachifamuun bakka tokkotti wareegaman.
Wareegama kanneen sababeeffachuun, Guyyaan Gotoota Oromoo akka yaadatamuuf koreen Gidduu ABO yeroo sana bara 1984 marii’achuun kan murtaawe yoo tahu, bara 1985 irraa eegaluun immoo wagga waggaan Ebli 15 GGO jedhamee akka kabajamuu labsuun yeroos irra eegale hanga ammatti kabajamaa jira.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo qabsoo isaa keessatti Gootota fi Wareegamtoota’ Oromoo cunqursaa saba isaanii fi biyya isaanii irraa qolachuuf jecha lubbuu isaanii qaalii osoo hin qusatiinii fi amantaan osoo adda hin bahiin Oromummaaf manaa bahanii Oromummaaf jecha wareegaman hoggayyuu kan yaadatu yoo tahu kaayyoo fi akeeka isaan irraa wareegaman immoo qabsicha galma geesisuu qabsoon bifa kamiinuu gaggeessuun hiree abbaa biyyummaa keenya akka mirkaneeffannu yoo dhaammannu Eebla 15 yeroo yaadannu ammoo hooggantootni olaanoon ABO 10 ta’an, hayyuu duree fi itti aanaan isaanii bara 1980tti gara Somaaliyaa osoo deemanii bakka Shiniggaa jedhamutti amantaan adda hin baanu nu Oromoodha jedhanii haala sukkanneessaan warra ajjeefaman sanneen yaadannee akka isaanii amantaa fi kutaan osoo wal hin qoodiin Oromummaan wal taane akka abbaa biyyummaa keenyaa qabsoon mirkaneessannu mami kan hin qabnedha.
Ebla 15/1980 Gootota Oromoo qabsoon Oromoof manaa bahanii dirqama fudhatanii osoo deemanii Gammoojjii Somaalee bakka shinniggaa jedhamutti wareegaman tarrisni isaanii
1. Jaal Bariisoo Waabee ( Jaal Magarsaa Barii) – Hayyuu Duree ABO yeroosii
2. Jaal Gadaa Gammadaa (Damisee Tacaanee) – Itti Aanaa Hayyuu Duree ABO yeroosii
3. Jaal Abbaa Xiiqii (Abboomaa Mitikku)
4. Jaal Doorii Barii (Yiggazuu Bantii)
5. Jaal Falmataa/Umar Caccabsaa
6. Jaal Faafam Dooyyoo
7. Jaal Irra aanaa Qacalee (Dhinsaa)
8. Jaal Dhaddachoo Booruu
9. Jaal Dhaddachoo Mullataa
10. 10 ,Jaal Marii Galaan kanneen jedhaman yoo tahu Ebla 15 kan akka kabajamu tahes guyyaa gaggeessitootni Dhaaba ABO bakka tokkotti isaan wareegaman itti yaadachuufi kanneen qabsoon Oromoo keessatti bakkayyuu wareegamanis guyyaa kana yaadatamanii akka oolaniif jedhameeti.
GGO bara kana jechuunis 2023 kan kabajamu yeroo 38 ffaaf yoo tahu bara kanas akkuma duraanii Ummatni Oromoo gootota ilmaan isaa cunqursaa alagaa saba isaa irraa kaasuuf bilisummaa sabaa, Walabummaa biyyaa, mirgaa abbaa biyyummaa fi haqa ummata isaaf jedhee kanneen dirree qabsoottii, manneen hidhaa sirnoota cunqursitootaa fi mana jireenyaa isaanii keessatti kumii kitiliin wareegaman guyyaa kana bifa addaan hundayyuu yaadatee kan ooludha.
Ummatni Oromoos Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15 bara kanaa yeroo yaadatu qabsaahota Oromoo qabsoo hidhannoo irraa maqaa araaraan warreen qabsoo karaa nagaa filatanii galanii yakka tokko malee manneen hidhaa keessatti dararaa hammaataan wayita irra gaha jirutti tahuu fi Qeerroon Bilisummaa Oromoo qabsoon gaggeesseen namootni barcuma aangoo qabatan yeroo isaan itti ummata Oromoo mana fi qabeenyaa isaa abiddaan barbadeessaa jiran , wayita ilmaan Oromoo mana hidhaa keessaa baasanii ajjeesaa jiranittii fi dargaggootni Oromoo kumootaan qabsoon karaa nagaa itti cufamnaan qawwee lafaa kaasanii qabsoon hadhooftuu mirga abbaa biyyummaaf gochaa jiranitti yoo tahu kanneen cunqursaa fi roorroo jibba bakka hundatti qabsoo sabaaf wareegaman hunda kan itti yaadannuu fi kaayyoo isaan irraa kufan kan itti jabaannee galma geesisuuf Irbuu itti haaromsannu tahuu Qeerron Bilisummaa Oromoo ni dhaammata.
Ebla 15/2023 Yaadannoo guyyaa gootota Wareegamtoota Oromoo yeroo yaadannu kanatti, Waajjira ABO kan Muummee Gullalleetti argamu dabalatee bakka hundatti wayita ugguramee jiru fi qabeenyaan isaa illee godinoota keessatti saamamee jiru tahuu irraa kan ka’e Ummatni Oromoo Oromiyaa keessa jiru dhaaba Hoggana Dhaaba ABO dabalatee ifatti ummata keenya waliin kabajachuu dadhabamus, ummanni keenya mana mana isaa fi iddoo isaaf aanja’uu keessatti tuta tuutaan gootota isaa bilisummaaf wareegaman akka yaadatu Qeerroon Bilisummaa Oromoo ni dhaamna.
Ummatni Oromoo fi jaallattootni qabsoon keenyaa Yeroo GGO kana yaadatee dabarsutti Kanuman waliin jaallan keenya manneen hidhaa biyyatti garaagaraa kessaatti korkodamanii(ugguramanii) hidhamanii haala ulfaataa fi rakkisaa keessatti argaman guyyaa kanaan baga geessan; baga walumaan geenye jechuu akkaataa isiniif mijatuun akka deemtanii jajjabeessitan waamicha goona.
Gootonni wareegamtoonni Oromoo, Bara baraan ni yaadatamu! Ni Faarfamu!
Injifannoon Ummata Oromoof!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Ebla 15/2023
Finfinnee,Oromiyaa