Meeshaa waraana gareen qabatamu loltoota ABUT harka ture har’aa kaasee RIB’tti akka Kennamu komishinichi beeksise.
(SQ-Ebla 17,2023)
Komishiniin haaromsa biyyoolessaa meeshaa waraanaa gareedhaan qabatamu Wixata har’aa irraa kaasee loltoota ABUT harkaa funaanamee RIB’tti kennamuu eegala jedheera.
Komishinarri komishinichaa ambaasaaddar Tashomaa Toogaa, hojiin loltoota sana meeshaa hiikkachiisuu, diiguu fi hojii siiviliitti deebisuu akka ariitiin raawwatamuu qabu Irratti bulchitoota yeroo naannoo Tigiraay wajjin mari’annee waliigallee jirraa jedhan.Loltootni ABUT kan biyya keessaa qofa osoo hin taane loltootni kan Sudaan keessatti hidhatanii jiranis hiikkatanii gara biyyaatti galuuf jiruu jedhameera.
Itti aanaan komishinichaa birgaader jeneraal Dirriibee Mekuriyaas, meeshaan waloon sadarka cibiraa, gaantaafaatti qabataman hiikkachiifamuu kan eegalu wixata har’aa irraa kaaseee guyyaa torba keessatti akka xumuramu beeksisaniiru.
ABIN, Baalderaasii fi namootni Amaara ta’an gariin biyya keessaa fi alaa osoo ABUT hin hiikkatiin humni addaa fi Faannoon naannoo Amaaraa hiikkachiisuun dabadha jedhanii ibsa baasanii ifatti mootummaa abaaraa turaniiru.
Mootummaa fi Komishinichi ammoo kan keessan qofa miti humni addaa naannolee hundaa ni hiikkatu jechuun deddeebisanii ibsaa akka turan ni yaadatama.
Itaamaajorshumiin RIB fiildmarshaal Biraanuu Julaa kaleessa irraa kaasee humnii addaa naannoo kan jedhamu tokko akka hin jirree fi hundinuu akka filannoo isaaniitti bakka barbaadanittii galannii jiraachuu beeksisanii turan.
Meeshaan Waraanaa ABUT harka ture harkaa fuudhamuun gabaafame
