Qondaalli ABO jaal Gadaa Gabbisaa dhibee isa mudateen yaala dhabuun haala yaaddessaa keessa jiraachuun dhagaa’ame.
(SQ-Ebla 28,2022)
Qondaalonni ABO hedduun badii tokko malee tika mootummaatiin qabamuun mana hidhaa garaa garaa keessatti dararaa ulfaataa argaa kan jiran ta’u gabaasaa turuun keenya kan yaadatamudha.
Qondaalonni Dhaabba hedduun isaanii kanneen manni murtii bilisa isaan baaseefi himataa homaa hin qabnedha. Qondaalonni ABO seeraan ala hidhaman kunneen mana hidhaa keessatti dhibee adda addaaf saaxilamuun rakkoo hamaa keessatti argamu.
Qondaali ABO jaal Battee Urgeessaa dhibee tiruu B ykn Hepatites B jedhamuun mana hidha keessatti qabamuun yaala dhabuun erga hedduu miidhamee booda mana hidhaa irraa wabiin ba’uun yaalamaa jiraachuun niyaadatama.
Qondaalonni ABO kanneen jaal Battee Urgeessaa waliin turanis dhibee Tiruu kanaaf Saaxilamanii jiraachuun irra deeddebiin gabaafama tureera.
Qondaalli ABO jaal Gadaa Gabbisaas mana hidhaa keessatti Dhibee Tiruu B (Hepatitis B) jedhamun qabamun rakkoo ulfaataa keessatti argama. Doktarri jaal Gadaa Gabbisaa yaale dhibee tiruutiin qabamuu isaa mirkaneessuun akkanni ciisee yaalamuu qabu ajajus, poolisiin Bilxiginnaa akkani cisee hin yaalamne dhorkun haga har’aatti mana hidhaa keessatti dhibee kanaan dararaa hamaa argaa jira jedhu.
Jaal Gadaan dhibee kanaan qabamuun isaa erga beekamee ji’a tokko ol yoo ta’u yaala dhorkamuu irraan kan ka’e yeroo amma haala yaadeessa irra jiraachuu odeeffanneerra.
Uummanni Oromoo biyya keessaafi ala jiru Obbo Gadaa Gabbisaaf akka Sagalee ta’uu dhaamanna!