Gadda ulfaataa!
Daawwit Baqqanaa jedhama yeroo ammaa Bulchinsa Magaalaa Finfinneetti kutaa magaalaa Booleetti Aanaa 6 eessaa hojjetee miindaa argatuun maatii isaa jiraachisa.
Daawwit Baqqaanaa kutaa bulchinsa magaalaa Shaggar jala kan jirtu #Buraayyuu keessa kan jiraatu yoo tahu mana Jireenya isaatii gaafa 8-03-2025 galgala tikni mootummaa fi hidhattoonni gandaa ykn milishootni naannichaa mana Jireenyaa isaa dhaqanii qabanii deeman.
Daawwitiin erga qabanii deemanii Buufata poolisii bulchiisa magaalaa Buraayyuu keessattigalchuun reebicha hamaa erga irraan gahanii booda rasaasan rukutanii buufata poolisii keessaa baasanii kilinika buufata poolisii cinaa jiru balbalarratti du’eera jedhanii gatanii biraa miliqan.
Daawwit Baqqanaa bakka inni gatamee ciisaa jirutti namoonni naannoo fi maatin hordofanii arguun waldhaasa olaanaadhaaf Hoospitaala #ABET galchanii guyyoota 3f waldhaansisaa erga turanii booda lubbuu isaa oolchuuf hin carroomne miidhaan irra gahe ulfaataa waan tureef har’a ganama gaafa 10-03-2025lubbuun isaa boqote.
Barsiisaa Daawit Baqqanaa Godina Wallagga lixaa magaalaa mandii keessaatti kan dhalatee guddate yoo tahu gaarummaa fi aantummaa ummataaf qabuun namni hin beekne hin jiru.
Daawwit Baqqaanaa dararaa lafa dhalootaa isaatti irratti raawwatamu ijibbaatee waggaa 10 dura gara Magaalaa Buraayyuutti dhufuun maatii horatee kan jiraatu ture.
Sirni PP kaleessa olaantummaa TPLF jalatti sabboontota Oromoo ajjeesisaa fi ajjeesaa ture har’a Daawwit Baqqaanaa abbaa ijoollee afurii badii tokko malee manaa baasanii ajjeesuun daandii irratti gatan.
Maati fi hiroyyoota isaa hunda waaqayyo jajjabina isaanii haa kennu jechaa Ummata Oromoo gaddi kun itti dhagahame maraaf gumaa isaa sirna isa galaafate hundeen jijjiiruun qe’ee Oromootti nagaan akka deebi’u gochuun dirqama dhalootaa nuuf haa tahu jenna.