mootummaa Cehumsa Waloo hundeeffanna yoo jedhame akka waan rakkoon uumamutti sodaachu hin barbaachisu“ Obbo Xurunaa Gamataa

KFO fi ABOn Boolla Goondaa/Qanyuur Tuqan Hinjiru.

Jecha “Pandora’s Box” jedhamu wajjin kan wal fakkaatu tokko Oromoon “Boolla Goondaa/Boolla Qanyuur” jedha. Pandora’s Box, a process that, if started will cause many problems that cannot be solved. Gabaabumatti, Saanduqi Paandoora, adeemsa keessa, yoo tuqame rakkoo furamu hin dandeenye hedduu fidu danda’a jechudha. Guutummaa guututti hiika tokko jedhame yoo fudhatamu baatellee boolli goondaa/qanyuur yoo tuqame goondaan/qanyuur bahee namaa fi beellada miidhu danda’a.

Goondaan/qanyuur ijoollee baqachu hin dandeenye ykn beellada hidhaarra jiru yoo argate ajjeessu danda’a. Kanaaf, boolli goondaa/qanyuur akka laayyootti hin tuqamuu; walaalaniis hin tuqu.�

Dubbiin itti gala qaba jedhu mitiiree, jaarmiyaalee hawwasa Naannoo Oromiyaa dabalatee, giddu darbe keessa KFO fi ABOn kan keessatti hirmatan walgahiin tokko geggeeffame ture. Walgahi sana mootummaan paartii aangoorraa jiru (mootummaa filatame jechu koo miti) sirriitti waan beekuuf namooti akka dhuunfaatiis ta’ee akka gareetti ejjennoo fudhachuun hirmannaa KFO fi ABO balaalleeffachuuf yaalaniiru. Haaluma isaanitti fakkaateen balaalleeffachuuf haa yaalan malee, yaadi walgahi sanarratti ka’ee ummata Oromoo abbaa dhimmaa ta’eef dhiisati hawwasa addunyaatiif illee haaraa ta’ee waan dhokate miti.�Maalumaafuu, lammileen hedduun akka hubachu danda’anitti facaatii yaadoota marii walgahi sanarratti ka’an addeesuuf, jechuun ajandaaleen ka’an, waa’ee Magaala Guddoo Naannoo Oromiyaa (capital city of Oromia Regional State), Finfinnee, dabalatee waa’ee teessoo Mootummaa Federalaaa fi Dhaabbilee Wali galtee Addunyaa (seat of Federal Government and International Organizations), waa’ee nageenya Ummata Oromoo fi Naannoo Oromiyaa, ol’aantummaa seeraa, haqa qabeessumma fi bulchiinsa gaarii, daangaa Oromiyaa fi lafa Ummata Oromoo, fi jiruu fi jireenya Ummata Oromoo, itti fayyadama qabeenya Naannoo Oromiyaa, hariiroo sabaa fi sab-lammilee Itoophiyaa giddu jiru fi kan kana fakkaatanudha. Karaan sobaan darban deebiitti nama dhiba waan ta’eef, akka lammii Oromoo tokkoottiis qooda (stalk) waan keessa qabnuuf, waa’ee Waraana Bilisummaa Oromoo (WBOs) dubbatameera.

Rakkooleen Naannoo Oromiyaa keessaa yeroo dhiyoo keessa KFO fi ABOn kan jalqabame utuu hintaane jabana abbaa qixabirii (qoroo) irraa jalqabee kan dubbatama turee, ammallee dubbatama jiru waan ta’eef dhoksaas hin qabu; dhoksuus kan barbaachisu miti.�Rakkoon jiru akkuma guutummaa biyyaatti jiraachunsaa utuu beekamuu maaliif kan Naannoo Oromiyaa kophaatti kaasu fi mariyaachu barbaachisee komii jedhuuf deebiin koo, Naannoo Oromiyaa jechuun gidduu gala Itoophiyaa waan ta’eef rakkoon Naannoo Oromiyaa keessa jiru dursee hanga ta’e yoo salphate fi hiikame, isa kaan dhaawwata dhaawwatan itti tarkaanfachu ni danda’ama jedhamee amanama.�

Mariin geggeeffame, undallee yoo ta’u baate tokko tokko facaatiin haalaalamu. Waa’ee Magaala Finfinnee ilaalchisee rakkoo jalqaba kan uume Heera Mootummaa Federalaa keewwata 49 dha. Keewwata xiqqaan 1 “Addis Abaabaan Magaala Guddoo Mootummaa Federala ti” jechuun mataansa rakkoo kan uumedha. Mootummaan Federalaa teessoo (seat) qabachu mala malee, magaala guddaa jedhamu hinqabu ture. Akkuma magaalli guddoon Naannoo Oromiyaa (Finfinneen) teessoo Mootummaa Federaalaa ta’uu danda’e, magaalaaleen birallee teessoo Mootummaa Federaalaa ta’uuf waanti dhorku hinjiru. Waa’ee abbaa qabeenyummaa Magaala Finfinnee (Addis Abaabaa) ilaalchisee eenyumtu bakka biraa keessa kan fide miti.

Akka keeyyata xiqqaa 5 Heerichaatti Addis Abaabaan walakkeessa Naannoo Oromiyaatti argamti jechuun hiika dabalataa utuu hinbarbaachisiin kan Oromooti jechudha. Kanuma wajjin, Heera Mootummaa sana keessatti akkaataa lakkoofsa xiqqaa 5tiin seera dabalata nibaha isa jedhu sana moggaatti dhiibani hanga yoonatti turuun mataansaa faayida Ummata Oromoo miidhuu waan ta’eef seeraan gaafachiisa. Akka maraatuu mucaa nama fudhatani mucaa kooti yoo jechuuf fedhan ala, magaala Finfinnee eenyumtuu eessa hinfidne, fiduus hindanda’au.
Namootni Naannoo Oromiyaatiin ala ta’e dhufanii magaala Finfinnee keessatti qabeenya haa horataan malee, qabeenyi sun mataansaa kan madde asuma Naannoo Oromiyaa keessa ti. Gara teellaatti deebi’amee seenaan namoota sanaa utuu qoratame harka qullaa dhufanii qabeenya jedhan sana hunda lafa Ummata Oromoo irraa kan horatanidha. Egaa battala amma irra gahame kanatti, akkuma Roodeshiyaan gara Zimbaabuwweetti jijjiramte fi Pretoriyaa maqaa jijjiruuf qophiirra jiramu kanatti, maqaan Addis Abaabaa jedhamu kun gara Finfinneetti yoo jijjiramte rakkoo waan uumu miti.

Magaalli Finfinnee akka magaala tokkootti, yookiin akka godina Naannoo Oromiyaa tokkootti bulchiinsa matashee (eenyumtuu kan keessatti dorgomee filatamu) qabachuu yoo dandeessees Naannoo Oromiyaa jalatti buluu, yoo xinnate ammoo faayidaa argattu irraa (royalty fee) beenyaa Naannoo Oromiyaatiif kanfalu qabdi.�Kun akkana yaadamee irratti haa mariyatamu malee, mariin guddaa fi yeroo dheera fudhate waa’ee Nageenya Naannoo Oromiyaa ti. Naannoo Oromiyaa keessa halkaniis ta’e guyyaa namni manaa bahee nagaan ol deebi’uun rakkoo erga ta’ee oolee buleera. Lammileen keenya miidhaan omishachu fi kan omishatan ammoo sirnaan itti fayyadamu hin dandeenye. Namni halkaniif guyyaa manaa butamee yookiin karaarraa qabamee hidhama, ajjeeffama. Rakkoo kanaaf mootummaan humna riphee lolatti qabataa, humna riphee lolaa ammoo mootummaatti qabata. Fakkeenya haala suukanneessa ta’een raawwatame tokkoo, intalli ganna kudhanii Simboo Biraanuu, dhalatuu godina Shawaa Lixaa, aanaa Meettaa Walqixxee, magaala baadiyaa Minaaree butamtee, gudeedamtee, ajjeeffamtee, fannifamte.

Yakki suukanneessan akanaa nama yaaddeesse yoo mariyaachisu baate kamtu nama kakkaasa? Waa’ee nama tokko tokkoo yoon irra tarellee, waggoota muraasaan dura abbootiin Gadaa Oromoo Karrayyuu 14 qe’ee jireenya isaani keessaa butamani bakka tokkotti ajjeefamaniiru. Waanti akkanaa kan mudatu dhabiinsa nageenyarra kan ka’e waan ta’eef maqaa bira itti kennu hin danda’amu. Jireenyi akka kanaa hin yaaddeessu, dubbachuus hin barbaachisu namni jedhu yoo jiraate nama hojii yakka akkanaa keessatti quba qabu yoo ta’e malee kan bira miti.�Naannoo Oromiyaa keessatti waraani babballatee, nageenyi waan dhabameef, lammileen keenya magaalaa fi baadiyyaa baasii guddaaf saaxilamaniiru.

Baasii/buusii humni riphee lolaan gaafatu utuu hin dabalatiin, gama mootummaatiin ashuura seeraan beekame utuu hin lakka’iin, baasii ummati keenya gaafatamu keessaa muraasii baasii Gaachana sirnaa, humna addaa, milishaa, buusii Fannoo Diimaa, buusii Buusa Gonofaa, buusii miseensummaa paartii, buusii ijaarsa waajjira paartii, buusii ispoortii, baasii gatii xaa’oo fi sanyi filatama, fi kkf hundi gateetti ummata keenyarratti fe’amee jira. Baasii/buusii kanneen hunda ummati keenya maatiisa agabuu bulchee, daarsee fi jireenya jireenyaan gadiin jiraachisaa wayita rakkataa jiru keessa qaawwaa arganne hundatti fayyadamne afuura baafachuun keenya dirqama. Nuti warri KFO qabsoo karaa nagaa geggeesina. Rakkoo fi gadadoo ummata keenya irraa hir’isuuf haala danda’ame fi karaa danda’ame’e hundaan qaawwaa arganneetti fayyadamnee dhimma baaneef tattaaffii gochuun keenya itti gaafatamummaa yookiin gahe hojii keenya raawwachu keenyaan ala ajandaa qabsoo ummata keenya gufachisuuf miti.�

Waraanatti fuulleffatame nageenyi waan dhabameef namni tajaajila mootummaan kennu sirriitti argacha hin jiru. Carraan barachuu ijoollee Oromoo danqameera. Ijoolleen mana barumsaa dhaqaa hinjiranu, manni yaala tajaajila isarra eegamu kenna hinjiru. Dhibeen busaa isa kaan ajjeesee, kaan ammoo sammuu jeeqeera. Dandiin irra adeeman caccabe dhumateera. Akkuma wali galatti ijaarsi misoomaa yookiin hin jiru, yookiin ammoo quubsa miti. Akkuma ija keenyaan arginu fi gurra keenyaan dhageenyutti, hojii faayida ummatarraa meeshaa waraana bituuf dursi kennama jira. Kanatu KFO fi ABO dirqisiise marii jenne dukannatti ija baafne malee haalli bashananuuf nutti tolee hoteela ciifnee hin turre.�

Dubbichi dhokachu hin danda’u malee akka waan dhoksame hojjetametti fudhachuun barbaachisa miti. Akka ani hubadheetti baasii walgahi sana qaamni mootummaa waan shafaneef, KFO fi ABOn qabsoo Ummata Oromoo akka gananiiti, yookiin gufachisuuf adeemanitti shakkuun barbaachisa miti. Shakkuu akka mirgaatti yoon fudhadhellee, karaa ani siif taraare malee adeemu hin dandeessu yoo jedhame, sun hinta’u. Dubbiin guddaan itti gala keenya Ummata Oromoo BILISUMMAA gonfachisuu fi MIRGASA kabachisuuf jedhame akka ta’e wal yaadachisuuf yoo ta’e malee, abbaan fedhe kotte-duudaa fi konkolaataa koree biyya keessa adeemee, abbaan fedhemmoo xiyyaaraan balaali’e biyya alaa keessatti deemee mari’atee, fedhii ummata keenya guutuuf yaaluun toftaa qabsoo mata mataasa danda’e waan ta’eef dhimmi walitti masaanu nu taasiisu hinjiru.

Hayyoon Oromoo walii galan alaa galan jedhee mammaakuun ala mammaaksa isa hojiitti hin jijjiru jedhamee kan komatamu sana dhiifnee, utuu walii mooquu yookiin walii ooguu dandeenye gaarii ture. Yookiin ammoo, Sirba Barsiisaa Girmaa Mintesinoot, “… dadhabdullee tiradhu bakka niyya qubadhu” waliin jechu dandeenye gaarii ture.�Sodaa fi shakkii walirraa qabnu kanarraa akka qulqulla’uuf, qabsoon Ummata Oromoo akka ulfaa xenneqaa, akka malkaa gannaa guutaa adeema jiru kun bara 1966 hundeeffama Waldaa Maccaafi Tuulamatiin ija banatee, bara 1969 namoota lakkoofsi isaani muraasa ta’een Itoophiyaa keessattillee odoo hintaane Biyya Yaman keessatti gurma’iini eeggalame, bara 1973 dhukasa rasaasa tokkootiin jalqabamee, bara 1976 ammaas dargaggoota muraasa ta’aniin sagantaan bocamee Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) hundeeffame kan ijaarama dhufe waan ta’eef sababa walgahii KFO fi ABOn guyyoota afuriif hirmataniin ni gufata jedhamee shakkamu hin qabu ture.

Namoota walgahi sana keessatti hirmatan keessaa namooti waggooa 34 darban keessa ummata keenya BILISUMMAA gonfachisuu fi MIRGA kabachisuuf jedhani yoo xiqqaate marsa tokko kan hin hidhamne hin jiru. Qabsa’aa waan ta’eef qofa namni mana hin qabne ala hin bulle akka jiru ni hubatama jedheen amana.�Haaluma sadarkaa bilchina qabsoon Ummata Oromoo irra gaheen paartileen Oromoo lama (Kongiresii Ummata Oromoo (KUO) (1988) fi Warraqsa Fedrealist Dimookiratawaa Oromoo (WFDO) (1996) hundeeffamani fuullee fuullee isaanitiin qabsoo geggeessa turan, gorsa maanguddooti fi dargaggooti Oromoo godhaniin walitti dhufani bara 2012 keessa Kongiresii Federalawaa Oromoo (KFO) hundeessu danda’ameera. Aarsaa kanfalame gabaabisee addeesuuf, baroota 1980moota irraa eeggalee miseensoti KFO, hooggana isaa Proofesaar Mararaa dabalatee namooti heddumni isaani gudda ta’e maqaa shoroorkeesummaa ABOtiin himatamani hidhamaniiru. Kanaaf, abbaan fedhe ka’ee hooggansa KFOtti utuu quba qabuu baatee gammachu keenya ti. Waggoottan jaha darban asitti ammoo miseensoota KFO kan hidhamni gidirfamani yoo dhiifne, achi buuteen isaani kan dhabame (namoota akka Fiqaaduu Ayyaanaa Faajjii, Qindeessa Koree KFO godina Wallagga Bahaa, Mallasaa Caalaa Goobanaa, Qindeessaa Koree KFO aanaa Baakkoo (godina Shawaa Lixaa), Dheeressaa Dabaloo Waaqjiraa fi kan biroo kan maatiin isaani rakkina guddaa keessa jiran tarreesinee fixuu hin danda’amu.�

Ammallee waajjiraleen KFO fi ABO cufamani utuu jiranu, miseensoti keenya daraarama utuu jiranuu fi mootummaa siyaasaan, dinagdee fi hawwasummaan hideeda (brink) irraa gahe wajjin maaliif mariyaatu kan jedhan yoo jiratan, gama KFOtiin toftaan qabsoo keenyaa tokko marii waan ta’eef deebii bira hin barbaachisu. Dhuunfa isanitiiniis haata’u akka ijaarsatti taa’uusa kan hinbeekamne, garuu asi bahani warra qeequ keessaa, qeequu nama lamatu na dhibe. Inni tokko bara wayyaanee keessa aangoo mootummaa fiixee gubbaa ta’ee kormaa lukkuu sodaachaa caasaa mootummaa keessatti qooda fudhatee lammilee Oromoo miidhaa kan ture wayita ta’u, kan bira lamaan ammoo ofii isaanitiis miseensota ADWUI/wayyanee ta’ani magaalaalee naannoo tokkoorra gara naannoo biratti socho’uun ummata keenyarratti dabballee ADWUI leenjisa kan turan, naanneessani utuu of hin ilaaliin KFO fi ABOtti quba qabuun isaani taajjabirra jara buusa. Adeemsa keessa namni jijjirama fiduun kan eegamu ta’ee, haatii hattuun intala hin amantu jechuun dhugaa akka of-keessa qabu ni hubatama jedheen abdadha.�

Waa’ee aangawaa mootummaa hooggansa KFO qeequuf yaale ilaalchisee waa heddu jechu hin barbaachisu. Maaliif yoo jedhame inumti mataansaa gaaf-tokko afaan mi’eeffachuuf akka dubbate of-saaxiluunsa waan hin hafneef kanuman bira darbu wayya. Garuu, waan aangawwaan mootummaa sun hin hubanne tokko jira. Inniis Heera Mootummaa Itoophiyaas ta’ee siyaasa walalu yookiin hubachu dadhabu odoo hin taanee, mootummaa cehumsa kan gaafachise akkuma waligalaatiis ta’ee akka Naannoo Oromiyaatti rakkoon jiru, biyyaa fi ummata nu dhabisiisa waan jiruuf ballinaan irratti mariyaatameera.

Aangawwaan kunimmoo maaxii keesssa bahuu hin dandeenye keessa galee waan jiruuf, akka beelada duute ta’eera. beeladi duute waraabessa hin sodaattu.�Firoottan keenya dabalatee, namooti hedduun marii sanarraa maal buufachu dandeessu jedhani hooggansa KFO ni gaafatu. Waa hedduu/xiqqoo buufachu ni dandeenya ta’a. Yookiin hundumaa dhabu ta’a. Battala ammaatti kanaas sanaas jechuu hin dandeenyu. Garuu, rakkoon Naannoo Oromiyaa morma bira akka gahe ifa baafnee dubbaneerra. Deebii dabalataa fakkeenyaan deeggareen kaasuu barbaada.

Dhaabbileen Palastaayiin waggootan torbaatama darbaniif Israa’elii wajjin wal waraanaa jiru. Garuu, waggaa tokkoof illee marii dhaabanii/kosani hin beekan. Biyyi Afirikaa Kibbaa utuu qabsa’aan isaani, Mandeellaan hidhaa jiruu, sirna Apaartaaydii wajjin marii geggeessa turaniiru. Hoogganaan Kurdootaa (PKK) Mohammad Abdallaa Ochaalaa, haa milka’uu haa dhiisu hin beekamu malee, mana hidhaa galana gidduu taa’ee Mootummaa Turkii wajjin marii geggeessa tureera. Kaayyoo gurgurachuuf odoo hin taane ummatasa bilisummaa gonfachiisuuf. Mariin keenyaas fafa hin qabu jechuufjedheetan.�

Mootummaa Itoophiyaa fi humna Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO), gidduutti mariin geggeeffamee nageenyi haa bu’u jechuun ala, humni WBO kanaas sanaas haa ta’u hin jenne. Yaada deeggarsaa yookiin saaxiluu ta’ee dhiisee abbaa dubbateetu beeka malee, namni hedduun WBO ilaalchisee yeroo yaada kaasan ‘ijoollee’ keenya jedha akka turan naan yaadadha. Marii kanaan wal hin qabatiin malee, WBOn gosa lama, isa kaayyoo ganama qabate bahee fi isa mootummaan WBO adamsiisuuf bobbasee, jedhani kan ramadan akka jiru yeroo dheeraaf dubbatama akka ture nan yaadadha.

�Akkuma hundeeffama isaani duraan duubaa irraa kaasee ABO fi KFO keessa namooti gantuu ta’ani bahan hedduu waan turanii fi namni guyyaa maal jiile galgala gufuu gurratii dheessa akkuma jedhamu yoo ta’e malee, KFO fi ABOn akka dhaabatti, qabsoo Ummata Oromoo ganuuf marii darbe sana keessatti boolla goondaa/boolla qanyuur quba hin keenye.�

Biyya mootummaan abbaa irree ummata irratti qancare keessatti nuy warri KFO, kan jala murree dubbata turre fi ammallee itti fufnee dubbataa jirruu, nu malee qabsa’aan hin jiru jenne hin beeknu. Namni biraas akkaataa tarsiimoo KFO malee qabsoon tarsiimoo biraas hin jiru hin jenne. Toftaa qabsoo qaama biraatiif safarree kenninee hin beeknu; wal geenyi keenya kooraa ummata keenya BILISUMMAA Ummata Oromooti jennaan wal hubanne fi wal gorsinee adeemu irratti rakkoo hin qabnu jechuun ala, qabsoo ummata kan lubbuun nama meeqa itti wareegame, lafeen nama itti cabe, dhiigi nama itti dhangala’e, jiru fi jireenyi namaa itti burjaaja’e kana gufachisuuf abjoonne hin beeknu. Kanaaf, KFO fi ABOn tuuta sana keessattis ta’ee tuuta sanaan duuba boolla goondaa/qanyuur kan tuqan hin jiru. Garuu, akkuma aadaa Oromootti waltajjiitti wal waamnee mari’aneera.�Akka tasaa ta’ee dhimmi boolla goondaa/boolla qanyuur fakkatuu kan tuqamu hin qabne, garuu utuu hin tuqiin kan bira darbu hin dandeenye fi ija jabinaan kan tuqame, waa’ee Mootummaa Cehumsa Naannoo Oromiyaa ti.

Ajandaa kana akka maluun gudunfuu baannaan, isa kaan abbumti fedhe kan odeessa oolu waan ta’eef yaaddoo hin taane. Ajandaaleen armaan olitti kaachifamani irratti dubbataman hundumtuu akkaataa teellaatti deebi’uu hindandeenyeen guduunfamu waan qabaniif, waa’een Mootummaa Cehumsaa Waloo gadi-fageenyaan irratti dubbatameera.

Akkaan hubachuu danda’eetti akka armaan gadiitiin guduunfameera.�Namni akka dhuunfaatti yakka raawwate akka dhuunfatti seeratti dhiyaatee haa adabamu malee, aangoo fi siyaasaaf jedhemee godatti wal gatuun siyaasa Itoophiyaa yeroo dheeraaf kan cabse ta’uusa hubatameera. Haayile Silaaseen Iyyaasu, Dargiin Haayilee Silaasee, Wayyanee/ADWUIn Dargii, Paartiin Badhaadhinaa Adda Bilisummaa Ummata Tigiraay (ABUTn) godatti gataniiru. Kun akka sirnaatti haa jedhamu malee, wayyaaneen OPDO qabatee, yakka Ummata Orommo irratti raawwatee raawwachifte kan dagatamu hin qabne ture. Garuu, siyaasa ummata irratti raawwatamu wajjin wal qabatee diinummaan bakka tokkootti dhaabbatee, siyaasii biyya keenyaa hammata ta’ee kan adeemsisuu danda’u Mootummaa Cehumsa Waloo ti jedhame amanameera.�

Waa’ee humna hidhatee ummata keessa jiru, jallatamuus jibbamuus ummata giddu waan jiruuf, akka maal ta’u barbaachisa yoo jedhame, namoota lammilee irratti yakka dhuunfaa raawwatan, malaammaltootaa fi hattoota yoo ta’an malee, kun gaaffii deebi’uu danda’uudha jedhameera. Akkaataa saaynsii sababaatti (logic), namni bosonu miti bosonatti hin galu. Akkuma seenaa Itoophiyaarraa darbaaf dabarsa dhufe irraa hubachu danda’amutti, siyaasi Itoophiyaa hundeeffama isaarraa kaasee cabee waan seelkoo qabuuf, akkaataa biraatiin ibsuu yoo barbaachise ammoo siyaasi Itoophiyaa hanga har’atti waan hin ammayyoomneef, dargaggoon dinagdee fi siyaasaan miidhaman sibiila qabatani bosona seenu isaanii addeesuuf qorannoo haaraa geggeessu kan gaafatu miti.

Qorsi /qorichi isaammoo galaana gama yookiin faranjii bira kan dhufu odoo hin taane kutannoon hojjechu akka ta’ee ija jabinaan dubbatameera; kan hafe yoo jiraate rurruqama oolurraa hojiitti hiiku qofa akka ta’ee wali galameera.�Garaagarummaa yaadaa miseensota KFO fi Paartii Badhaadhinaa gidduutti ka’aa ture fi ka’aa jiru keessa inni dursu waa’ee filannoo ti. Akkumaan armaan olitti addeesuuf yaale, bara 2005 isa yaalameen ala, Itoophiyaa keessatti filannoon bilisaa, ifaa fi ummata biratti fudhatamu qabu geggeeffame hin beeku. Kanaaf, haala hin taaneen aangoo mootummaa qabatani waan jiraniif, uulagaan mootummaan isaanii seera qabeessa isaan jechisiisu gonkuma hin jiru.

Kanaaf, mootummaa Cehumsa Waloo hundeeffanna yoo jedhame akka waan rakkoon uumamutti sodaachu hin barbaachisu. Hunda caalaa kan jala muramee hubatamu qabu, nageenya buusuufiis ta’e sirna malaammaltummaa jala hobbaafachuuf humni amaana sana baatee ceesisuu danda’u mootummaa cehumsa tokko hundeeffachuun ala filannoon bira akka hon jirre hubachuuf “magic formula” biraa bocuuf badaduu hin gaafatu.�Mootummaa Cehumsa hundeessu kana keessatti namni wal shakkuu hin qabu. Maaliif yoo jedhame Naannoo Oromiyaa kana keessatti nagaa buusuuf wal mo’achu odoo hin taanee, of mo’achuutu dursuu qaba. Paartiin aangoo mootummaa qabate jiru baankii fi taankii waan of-harka qabuuf tole waani hin jenneef, calluma jettani dadhabdu kan jedhan jiru.

Mootummaan ganama tokko ka’ee waajiralee KFO fi ABO cufuu danda’a ta’a kan jedhan hedduu dha. Garuu, mootummaan tarkaanfii hin taane akkanaa fudhatu kun walitti bu’iinsa fi waraana naannoo kana keessa jiru cufuuf hin danda’u. Akka jecha faranjiitti “winning the battle does not mean winning the war”. Aarsaa kanfaluun akkuma jiru hubatamee, wal mo’achu odoo hintaanee waliin mo’achun caalma akka qabu gorsa kan barbaachisu miti. Fakkeenyaaf, nagaa buusuuf jedhamee, Manni Maree Naannoo Oromiyaa yoo jijjirame fi jarmiyaaleen ijaarsa dimookiraasii (democracy building institutions) fi namoommaa keessa deebi’ani cimsamee yoo ijaaraman, namooti seeraan ala yakka raawwata turan aarsa yoo kanfalan malee, rakkoo waan qabu natti hin fakkaatu. Battala filannoon walii gala jala bu’aa dhufe kanatti kana gochu hin barbaachisu yoo jedhame, filannoon dhufu sun bilisa, haqa qabeessa fi amanama akka hin taane isa darberra argineerra.

�Mootummaan Cehumsa jedhamu kun mataansa hubanna barbaada. Turmatisa yeroo gabaabaas/dheeraas fudhatee, yoo xiqqatee gosa sadii – Trasition Government, National Unity Governmeny, Caretaker Government, kan jedhaman of-keessa qabachu mala. Akka marii hawwaasaa geggeeffame sanaatti, Mootummaa Cehumsa Waloo haa jedhamu malee, qaamni biroo waan inni qabatee dhufu hin beekamne. Kan caalmaan amansiisa ta’ee fudhachuun akkuma jiru ta’ee, hundumaa maqaa Heeraa fi seeraatiin ofirraa achi dhiibuun kan naannoo keenya keessatti nagaa buusu miti.�

Gurma’iinaaniis haa ta’u dhuunfaadhaan gama gareewwan Oromootiin hanga kana dhagaa walitti darbachuun itti hin fufiin malee, gareewwaan biroo garuu, amantaadhaan, qixaan, ilaalchaan, faayidaan wal sassabani marii dhaabbilee siyaasaa fi hawwasaa Oromoo geggeeffame irratti kan dhagaa darbatan hanga ta’ee laayyoo miti.

Kan gadi fageenyaan ilaalamu qabu tokko namooti wayita waraana kaabaa geggeeffame wal buusaa turan, walgahiin hawwaasa Oromoo, KFO fi ABO hin xumuramiin wal waamani ibsa baasaniiru; ejjennoo fudhataniiru. Kunimmoo, waan biraaf odoo hintaanee qabeenya Oromoo saamuuf Oromoo darabee darabeedhaan bituuf, akka jecha namoota tokko tokkooti ammoo “lafeen foon waaduu” isa jedhamu raawwachuuf akka ta’ee dagatamu hinqabu.�Kun qabxii xumura ti. Oromoon akka dhuunfaaniis ta’ee akka ijaarsaatti TARSIIMOON yaadu fi hojjechu barbaachisa.

Bakka tokko ijaajjinee, (kan warra Abbaa Jifaar, Leeqaa Naqamtee fi Leeqaa Qellem dhiifnee), Sirna Gadaa durii wayita yaadannu, umurii ganna saddeetii irraa kaasee hanga saddeetami saddeetiiitti dhalooteen Oromoo hundumtuu toorasa keessa utuu hin bahiin hojiisani hojjetu.

Mariin hawwasii Oromoo kutaalee Naannoo Oromiyaa keessa walitti dhufaan fudhatanii, KFO fi ABOn kanuma jedhan malee, KFO fi ABOn boolla goondaa/boollaa qanyuur kan tuqaan tasuma hin jiru.�“Kottaa aramaa aramna miidhaan keenya keessa …” jedhamee weedifameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *