Akaakuuwwan oomishaalee nyaataa baay’inni isaanii 91 tahe hawaasni akka hinfayyadamne ifoomanii jiru.
Guyyaa har’aa Caamsaa 11, 2023 Abbaan Taayitaa Tohannoo gabaa irratti taasiseen sadarkaalee dirqamsiisoo Itiyoopiyaa fi ulaagaalee barreeffamaa Saaxilamummaa osoo hin guutiin oomishaaleen hawaasaaf dhiyaachaa jiran hawaasni akka hin fayyadamne eeree jira.
Akka Abbaan Taayitaa Qorichaalee fi Nyaataa Itiyoopiyaa jedhetti akaakuuwwan oomishaalee nyaataa 91 hawaasni akka hinfayyadamne ifoomsee jira.
Akaakuuwwan nyaataa 91 tahan akka Ummatni akka hin fayyadamne dhorkame.
