Naannoo Gambeellaatti Ilmaan Oromoo jumulaan haala sukkaneessaan ajjeefaman

Ajaja Perezedaantiin Naannoo Gambeellaa dabarsaniin sabni Anyuwaa jedhamu ilmaan Oromoo fi namoota Afaan Oromoo dubbatan adda baasuun dargaggoota haala sukkaneessaan waraanni naannoo Gambeellaa ajjeesee jira.
Humni Waraanaa Naannoo Gambeellaa jiraattota A/Oromoo dubbatan magaalaa Gaambeellaa ganda 03 fi 04 jedhaman keessaa qabee waliiti fiduun haala nama sukkaneessuun waraabbii suursagalee qabuun hoomaan waraanaa yeroo namoota reebanii ajjeesan mul’ata.
Gambeellaa keessatti ilmaan Oromoo akka ajjeesan ajaja kan dabarse Presedant Nannoo Gambeellaa akka tahes odeessi naannichaa arganne ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *