Wixineen Labsii Ministerri Barnootaa Qopheesse, Eeyyama Dubartoonni Dahumsaa Fudhatan Daangessu Aggaammii Mirga Dubartootaa Irratti Taasifamee dha.
Ibsa Damee Dubartootaa fi Daa’imman (DDD) ABO
Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOn durfamu keessatti qoodni Dubartootni Oromoo qabaachaa turanii fi har’as kennaa jiran akkaan olaanaa dha.
Dubartoonni Oromoo qabsoo roga hundaa, bifa gara garaan gaggeeffamaa turee fi jiru keessatti qooda qabsoo kennaa turaniin, wareegama qaalii qaamaa fi qalbii hanga lubbuutti kaffalaa turaniin Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) utubanii, itichanii akka har’aan gahan seenaan ragaa baha.
Haaluma kanaan Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n qooda dubartootni Oromoo qabsoo bilissummaa Oromoo keessatti qaban daran guddisuuf sochii guddaa taasisaa tureera; ammas itti jira. Rakkoolee qabsoo walxaxaa fi ulfaataa ummanni Oromoo keessummeessaa turee fi jiru irra aanuuf hirmaannaan dubartootaa caalmaatti akkaan akka guddachuu qabu Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n ni amana; Milkaayina isaatiifis Dameen Dubartootaa fi Daa’imman ABO ciminaan hojjachaa ture; ammas itti jira.
Kanuma waliin, Damee Dubartootaa fi Daa’imman ABO jaarmiyaalee siyaasaa mirga dubartootni siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa keessatti qaban akka kabajamu hojjatanii fi bilisummaa ummatootaaf qabsa’an waliin kan hojjataa turee fi hojjetaa jiru tahuun beekamaa dha.
Dameen Dubartootaa fi Daa’imman (DDD)n ABO, wixinee labsii ministeerri barnootaa qopheessuun Dubartoonni akka eeyyama dahumsaa hin fudhanneef daangessan aggaammii mirga dubartootaa irratti taasifamee dha jennee ammanna.
Wixineen labsii ministeerri barnoota tibba kana qopheesse inni kutaa afraffaa keeyyata 15 tartiiba lakkoofsaa 5 irratti labsame eeyyama dubartoonni dahumsaaf fudhatan daangeessu kun, mirga dubartoonni barachuu qaban kan sarbuu fi seerota heera biyyattii keessatti tarrifaman kan faallessu tahuutti hubanna.
Ministeerichi wixinee labsii haaraa baaseen barattuun tokko sababa dahumsaatiin guyyoota 15 fi sanaa ol barnoota irraa hafnaan bara barnootaa sana irraa kan ugguramtu ta’uu kan labsu qopheessuun kun, mirga dubartoonni uumamaan qaban sarbuu, seerota heera biyyattii keessatti tarrifaman faallessuu dabalatee, wal qixxummaa dhiiraa fi dubartiis akka dhiibutti amana Dameen Dubartootaa fi Daa’imman (DDD ABO).
Ministeerri barnootaa wixinee labsii mirga dubartootaatti bu’u baasuun, seerota heera biyyattii keessatti tarrifaman faallesuun cinaatti, dubartiin haadha, obboleettii, haadha warraa fi daa’ima hawaasa bal’aa ta’uu osoo beekanii, mirga uumamaan dubartoonni qabanitti bu’uun ija hawaasa bal’aatti bu’uu dha.
Wixineen labsii ministeerri barnootaa qopheessuun Dubartoonni akka eeyyama dahumsaa hin fudhanneef daangaa itti godhan aggaammii mirga dubartootaa irratti taasifame waan taheef, DDD ABO labsii kana ni morma, duras dhaabbata.
Maayii irratti, Ministeerri barnootaa wixinee sarbama mirga dubartootaa tahe kana akka haquuf ejjannoo keenya ibsachaa, qaamoleen dhimmi ilaallatan cufti addatti ummanni baal’aan wixineen kun akka hojiitti hin hiikamneef akka dura dhaabbatan waamicha goona.
Injifannoo Ummata bal’aaf!
Damee Dubartootaa fi Daa’imman (DDD) ABO
Muddee 5, 2023
Finfinnee