Yuuniversiitii Naannoo Amaaraa keessa jiran keessatti sirni baruu fi barsiisuu dhaabbateera.
Walitti bu’insa Naannoo Amaaraa keessatti humnoota Faannoon #Faannoo jedhamanii fi pp gidduutti baatiiwwan jahaa olijf adeemaa jiruun sirni baruu fi barsiisuu guutummaatti adda citee jira.
Sirni baruu fi barsiisuu manneen barnootaa olaanoo Yuuniversiitii naannicha keessatti argaman hunda tti barnootni kan hin eegallee fi barattootni Yuuniversiitii naannichaatti baratan hunduu waamichi kan hin taasifamneef tahuun beekameera.
Dhimma Yuuniversiitiilee Naannoo Amaaraa keessatti argaman ilaalchisee gama ministeera barnootaanis tahe gama mootummaan wanti jedhame jiraatuu baatuus maatiin barattootaa fi barattootni Yuuniversiitii Naannoo Amaaraatti baratan yaaddoo guddaa keessa jiraachuu maddeen nuuf himaniiru