Deetaan ministeera Nagaa itiyoophiyaa obbo Taayyee Danda’aa aangoo irraa kaafaman.

 

Deetaan ministeera Nagaa itiyoophiyaa obbo Taayyee Danda’aa aangoo irraa kaafaman.

Obbo Taayyeen aangoo irraa kaafamuu isaanii xalayaan MM Abiyyi Ahimed irraa barreeffameef erga isaan qaqqabee booda deebii akkas jedhu Abiyyiif fuula miidiyaa hawaasaa isaa irratti kennee Jira.

Abiyyii Ahimed nama waan dubbatuuf hin jiraanne qofa otoo hin taane cubbamaa dhiiga namaatiin taphatu taโ€™uu keessanin hubadhe jedheera .
Gaafan dhugaa sehee waraana bilaasha maqaa walabummaa biyyaatiin bantan, isa Itoophiyaanota wal-nyaachise, fi diinagdee biyyaa kuffise gegeessaa turtan deeggaretti na faarsaa turtan. Hardha gaafan dubbii argee gara nagaa goruun wal-ajjeechaan obboleeyyanii haa dhaabatu jennaan aangoo narraa fudhattan. Otoon shira Oromoo Oromoodhaan balleessuu fi obboleeyyan isaatiin walitti buusuuf kaatan argaa callisuu dhabuu kootii baayyeen gammada. Turtii waliin qabaannef galatoomaa!

Hagan jirutti qabsoon nagaa fi obbolummaa ummataatiif godhu itti fufa jechuun yaada isaa katabe.

https://t.me/hordofaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *