Arsii keessatti Waraanni sirna pp hogganamu Ummata Oromoo dararaa jiraachuun beekame

Waraanni Bilxiginnaa Arsii bakkoota heddutti uummata dararuu cimsee itti fufee.

(SQ-Amajjii 12,2022)

Kibbaa Baha Oromiyaa Godina Arsii onoota adda adda keessatti Waraanni mootummaa paartii Bilxiginnaa dararaa ulfaata uummata irran ga’a jiraachuu maddeen SQtti himan.

Bakkoota waraanni Bilxiginnaa jiran hundatti uummanni gidiraa argaa jira kan jedhan maddeen keenya jireenyi uummata jeeqamun uummanni yaaddoo keessatti kufanii jiru jedhu.

Haala kanaan Godina Arsii Ona Muuneessaa Ganda Dillisii jedhamu keessatti waraanni PP Namni tokko mana isaa keessaa midhaan kuntaala 40 ol qabachuu hin qabu.Yoo sana ol qabaate gatii midhaniif baasan 3200 gurgurachuu qaba. Hin gurguru taanaan ni saamama jechuun qabeenya uummata saamaa jiru jedhu.

Kana malees warannii PP Rifeensa Aartee dhahachuun Alaabaa ABO qabatanii nuti WBOdha jechuun ummata gowwomsuun hidhaa, Reebaa, fi Ajjeesaa jiru.

Uummanni dararaa waraana PP kana jalaa dheesuuf jecha bakkoota heddutti qe’eef qabeenya isaa dhiise buqqa’aa jira, sababa kanaan uummanni ganda Dillisii buqqa’uu odeessi arganne ifa godha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *