WBOn Hidhamtoota sirna PPn ugguramanii jiran Gujii Lixaatti humnaan lakkisiise.

WBO’n Gujii lixaa Magaalaa Bulee Horaa keessatti hidhamtoota mana hidhaatii baasuu angaawootni mootummaa ibsan.

(SQ-Amajjii 12,2022)

Waraana Bilisummaa Oromoo gaafa Amajjii 07/2023 mana hidhaa Godinaa cabsanii seenuun hidhamtoota 480 ol miliqsuu isaanii qondaalli mootummaa fi jiraattonni natti himaniiru jechuun Addis Standard gabaaseera .

Akka gabaasa Addis Standardiitti taanaan WBO Sanbata darbe halkan walkkaa magaalaa Bulee Horaa Ganda Goroo Guddinaatti kan argamu mana hidhaa godinaa irratti haleellaa qaamota nageenya mootummaa irratti raawwataniin hidhamtoota hedduu mana hidhaa keessaa baasuu dandaa’aniiru .

Kantiibaa itti aanaan magaalaa Bulee Horaa Obbo Girjaa Uraagoo akka himanitti, miseensonni WBO kun eegdota mana hidhaa magaalaa Bulee Horaa hojii irra turan shan erga ajjeesanii booda mana amala sirreessaa cabsanii seenuun hidhamtoota gara 480 hanga 500 ta’an miliqsan” jedhan.

Dabalataanis hidhattoonni kunneen humnoota mootummaa naannoo sana turan irra aananii Osoo hin taane, malaan mana amala sirreessaa kana cabsanii seenan jedhan qondaalli kun .

Haa ta’u malee jiraataan naannoo mana hidhaa sanaa jiraatu tokko ammo akka ibsanitti humnoota mootummaa naannoo sana jiranii fi hidhattoota jidduu dhukaasni cimaan dhagaa’amaa erga turee booda WBOn injifachuudhaan hidhamtoota mana hidhaatii baasuu danda’eera jedhan .

Gaafa Amajjii 03 2023 , Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa Kibba Oromiyaa keessatti WBO naannoo sana keessa socho’u balleessuu fi naannicha tasgabbeessuuf kan kaayyeffate duula waraanaa qindaa’aa eegaluu isaa midiyaan mootummaa ibsaa turus , WBON yeroo ammaa kana kibba oromiyaa bakkoota garaagaraa keessaatti injifannoo guddaa galmmeessaa jiraachuu isaa karaa dubbii himaa WBO miidiyaalee hawwaasaa gubbaatti ibsaa jiraachuun kan yaadatamudha .

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *