Mootummaan Itoophiyaa waraana Kaaba Itoophiyaatti waggoota lamaaf gageefamaa ture keessatti dirooniiwwan kanatti fayyadamaa hiree waraana sanaa jijiiruu danda’eera.
dironii Godina Horro Guduruu Wallaggaa ooyiruu keessatti kufee argamee miidiyaa hawaasaarratti qoodamaa ture gosa diroonii waraanaa Turkitti omishamu Baayiraaktar TB2 jedhamu ta’uu akka hin oolle BBCn gabaaseera.
Dhabbanni ittisaa Sibylline jedhamuu dirooniin kufee caccabe ”Baayiraaktaar TB2 kan Raayya Ittisa Biyyaa Itoophiyaa ta’uun mirkanadha” jedhe.
Diroonichi dhuka’aa fe’atee socho’aa akka ture kan agarsiisu yoo ta’u, gosti dhukaa’aa kanaa kan diroonichaaf bocame MAM-L jedhamu akka ta’e ogeessi dhaabbata Sibylline mirkaneesseera.
Ammoo dhuka’aawwan osoo hin dhoyiin mul’atan lamaan qaamnisaanii irraa caacabuusaarraa kan ka’e ammatti hojiirra ooluu dhabuu danda’u, garuummoo suphamuufis hireen jiraachuu mala jedhan.
Gatiin diroonii tokkoo meeshaalee dabalataa diroonicha waliin gurguraman irratti hundaa’uun doolaara miiliyoona 5-6 gidduu akka ta’u ogeeyyiin BBCn dubbise mirkaneessaniiru.
Dabalataan dhuka’aawwan lamaan diroonichaa ooyiruu keessatti mul’atan tokkoon tokkoon isaanii doolaar kuma 60 hanga kuma 100 akka baasan dhaabbatichi tilmaameera.
Kan jechuun misaayelli diroonichi baatee kufe tokkoon isaa yoo xiqqaate birrii miiliyoona 3.5 ta’a jechuudha.