Waraanni pp bifa haaraan gara kibba Oromiyaa Gujiitti guuramaa jiraachuun beekame.

Murni bilxiginnaa duula haaraa kibba Oromiyaatti banuuf loltoota hedduu magaalaa  Hawaasaatti buusaa jiru.

 

Gurraandhala 8, 2023

Murni barcuma siyaasa impaayerattii  of harkaa qabu aangoo afaan qawween tiksachuuf carraaqu Oromiyaatti ilmaan Oromoo hedduu kan ajjeesisaa fi buqqisee beelaaf ummata saaxilaa jiru yeroo ammaa kanas  loltoota hedduu lolaaf bobbaasee ummata nagaa nageenya isaa goolaa aangoo isaa tikfachuu barbaadu bilxiginnaan loltoota kaaba impaayerittii irraa deebisee Oromiyaa keessa qubsiisuun miidhaa geessisuu itti fufee kan jiru yoo tahu ammas bifa haaraan kibba Oromiyaatti waraana isaa garas fe’ee jira.

 

Akka odeessi waraanaa magaalaa Hawaasaa irraa nu qaqqabe ifoomsutti giddu kana loltoota  kutaa waraanaa 6 ta’an lola Tigraay irraa deebisuun magaalaa  Hawaasaa qubsiisee jiraachuu nuuf himaniiru..

 

Loltootni magaalaa Hawaasaa qubatan kun xumura torbee kanaa irraa eegaluun gara kibba Oromiyaatti bobbaafamuun duula WBO dhabamsiistu jedhamuun akka nageenya ummataa gooluuf ergaman nuuf himaniiru.

 

Murni bilxiginnaa  gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo Oromiyaa keessaa rukuteen baasa jechuun karoora abjuu baafatee itti seenus WBO baay’inaa fi ga’umsaan dabalaa, humna waraana bilxiginnaa haleeluun injifannoo boonsaa galmeessaa waan jiruuf, tarkaanfiin WBOn fudhatan irraa kan barrage murnii pp  duula bifa haaraan kibba Oromiyaatti geggeessuuf karoorfatee jira.

 

Keessayuu tarkaanfii irree fi gaachanni uummataa WBOn Guraandhala 1,2023 godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa ganda Baddaa Magaadaatti fudhateen rifatuu keessa kan seene murni bilxiginnaa haaloo ba’uuf sochii jabaa geggeessuuf akka jiru beekameera.

 

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo lolaas ta’e tolaaf qophii ga’a qabaachuu kan ibsaan itti gaafatamaan sabqunnamtii WBO godina Gujii Lixaa Jaal Bulee Boruu, WBOn meeshaa waraanaa isaan fidatanii dhufan lolee irraa hiikuun ni hidhata jechuun  dubbataniiru.

 

Tarkaanfii boonsaa WBO Gujii lixaa aanaa Bulee Horaa keessatti torbee darbe fudhateen  meeshaalee waraanaa garaagaraa hedduu fi loltoota bilxiginnaa 240 booji’uun ni yaadatama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *