Arsiitti Waraanni mootummaa namoota 9 rashane

Godina Arsii Lixaa Aanaa Adaabbaatti ajjeechaan murtee seeraa malee namoota nagayaa 9 irratti raawwatamuun dhagahame.

Loltoonni mootummaa ganda Haqoo Kaarraa jedhamutti guyyoota muraasa dura Caamsaa 26 fi 27 ajjeechaa jumlaa namoota nagayaa irratti raawwwachuu OMN jiraattota irraa dhagahe.

Abdurrahim Abdurroo, Xaahir Saadee, Jamuu H/Yuunee fi Abdulkarim Bariisoo warroota ajjeefaman keessaa  akka ta’an jiraattonni himan.

Namoota ajjeefaman kanneen keessa reeffa  nama lamaa qofatu awwaalame malee inni kaan waraana dhoorgamee jira jedhu.

Ajjeechaa, Hidhaan jumlaa, reebichii fi saamichi qabeenyaa ummata nagayaa irratti raawwatamaa jiru aanichatti akkuma itti fufetti jira jedhan jiraattonni yaada OMNf kennaniin.

Shakkii WBO waliin hariiroo qabdu jedhuun namoonni kunneen ajjeefamuu maatiin dubbatan. 

Aanaa Adaabbaatti rakkoon sarbama mirga namoomaa gandoota Haqoo Kaarraa, Laajjoo Birbirsaa, Saqaa Nageellee, Hunxee Aloolaa, Qoomaa Wixichoo, Buchaa Raayyaa fi Leenca Washaa keessatti raawwatamaa jira jedhan.

Ganda Haqoo Kaarraatti qonnaan bultoota WBO nyaachistan, obaastan, daandii itti agarsiiftan akkasumas da’oo taataniif jedhanii maanguddoo, dubartoota daa’imman hoosisan dabalatee namoonni hedduun loltoota mootummaatiin hidhaman jedhu.

Namoonni lakkoofsaan 150 ta’an ganda Haqoo Kaarraa qofa irraa waraana mootummaatiin qabamanii hidhamuu jiraattonni himan.

Kaan immoo qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’anii baqataa jiraachuu bilbilaan OMNtti hima.

Guyyaa har’aa kanas loltoota mootummaatiin ganda Haqoo Kaarraatti manneen jiraattotaa ibiddaan mancaafamaa akka ture jiraattonni himanii jiru.

Dhimma kana irratti itti aanaa Bulchaa Aanaa Adaabbaa Obbo Amaara Addunyaa  dubbisuuf itti bilbillus bilbilli isaanii cufaadha.

Gabaasni kan OMN

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *