Wallaggaa Lixaa Magaalaa Biilaatti haleellaa humni qiileensaa Bilxiginnaa uummata nagaa irratti raawwateen namoonni 70 ajjeefaman.

Wallaggaa Lixaa Magaalaa Biilaatti haleellaa humni qiileensaa Bilxiginnaa uummata nagaa irratti raawwateen namoonni 70 ajjeefaman.

(SQ-Sadaasa 3,2022)

Kaleessa Sadaasa 2, 2022 waaree booda naannoo sa’aa 11:00 keessa Godina Wallaggaa Lixaa Magaalaa Biilaa naannoo Baankii Daldala Xoophiyaatti dargaggoota walitti qabamuun dhaabatan irratti humni qiileensa mootummaa paartii Bilxiginnaa haleellaa raawwateen yoo xiqqaate namoota nagaa kan dargaggoonni magaalaatti itti baayyatan 70 ol ajjeessu jiraatan magaalaa Biilaa tokko SQtti himan.

Akka maddi keenya kun nuuf himanitti Mootummaan Bilxiginnaa uummata nagaa daandii aspaaltii irra jiru hunda irratti boombii samii irraan gadii itti roobsuun ajjeechaa jumlaa hamaa raawwatee jedhu. Namoonni ajjeefaman yoo xiqqaate 70 ol kan jedhan maddi keenya, kanneen haleellaa kanaan mada’aan immoo 200 ol ta’uu jedhu.

Yeroo odeessa kana nuuf kennanitti reeffi namoota daandii irra guutee jiraachuu kan nuuf himan namnni kun namoota ajjeefaman keessa kanneen maqaa isaanii adda baafataniis nuuf himanii jiru isaaniis.
1,Lammeessa waagarii
2,Guutuu Efireem
3,Boonaa Efireem
4,Yoosef Dabalii
5,Marqoos Amantee
6,Solomoon
7,Baaca Abdataa
8,Guutama Tadassaa
9, Ifa Amsaalu
Kanneen jedhaman kan ani amma adda baafadhedha jechuun namoonni miilli, harkii fi qaamni isaanii hir’ate lakkoofsa hin qaban jechuun miiraa gaddaan guuteen nuuf himan.

Haleellaa gara jabeenya guddaan guuteetu nurraatti raawwate kan jedhan maddi keenya kun haleella kanaan mana tokko keessaa obboleeyyan lama dabalatee maatiin jumlaan ajjeefamanis jiru jedhu.

Oduma walfakkaatun Aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Qonnaan Bulaa jedhamutti sadaasa 1, 2022 waaree booda naannoo sa’a 11:00’tti haleellaa Diroonii taasisuun miidhaa hawaasa nagaa irratti geggeessee jira jedhan maddeen SQ.

Mootummaan paartii Bilxiginnaa Lixaa Oromiyaa Aanalee akka Mana Sibuu, Qilxuu kaarraa, Warra- Jirru, fi Biilaa keessatti guyyoota lamaan darban kana haleellaa qilleensa irraa hamaa rawwaachaa kan jiru yoo ta’u Giddu galeessa Oromiyaa fi Wallaggaa Bahaa keessatti haleellaa walfakkaataa torbee darbe keessa raawwachaa turuu gabaasuun keenya niyaadatama

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *