Lafti Du’aa lubbuu nyaattee jiraa Gurra nyaachuun fafa dhaadannoo guyyaa har’aa Hiriirtota Mooyyaaleeti.
Boorana Mooyyaaleetti dilbata darbe Alaabaan Naannoo 5 Magaalaa sana keessatti dhaabbachuu hordofee walitti bu’insa uumameen daa’imni ganna 13 Diqqoo Abdullah humna waraanaa Somaaleen ajjeefamuu hordofee guyyoota lamaan darbaan Magaalaan Mooyyaalee sochiin ishee cufaa ture.
Ummatni Intala isaas sababa Alaabaa kanaatti dhabu illee Alaabaan Naannoo 5 hanga ammaa hin buufamiin turuu hordofee Ummatni Oromoo Mooyyaalee guyyaa har’aa sagalee mormii karaa nagaa dhageesifataa jira.


