Jibbiinsi uummata Oromoo Wallaggaarratti akka labsamu taasifame Irreecha irraa hin eegalle. Alex Taye

Rogeessi Miidiyaa Hawaasaa irratti qoosuu fi sagalee ummataa tahuun waggoota as dhiyyeenya beekamtii horate dargaggoo Alamaayyoo Taayyee Dhimma tibbana Irreecha irratti haleellaa ijoollee Huccuu Aadaa Wallaggaa uffatanii sirban irratti ijoolleen Huccuu Aadaa Shawaa dhuffatanii miidhaa qaqqabsiisan ilaalchisee waan beeku ifoomsee jira.

Dargaggoo Alamaayyoo Taayyee gochi Diinummaa ijoollee Wallaggaa irratti raawwatamu kan guyyaa Irreechaa qofa akka hin taanee fi isa dura seenessa qaamolee murna Mootummaa golgaa godhataniin qindeeffamee irratti hojjetamee addatti Haleellaan akka irratti raawwatamaa jiru akeekeera.

Guutummaa barruu Alamaayyoo Taayyee kan gadiiti👇👇

“Wal taajjabnuu?

Ani dhalataa Wallaggaa miti. Garuu miidhama Hawaasnikoo wallaggaa jiru keessa jiru itti dhiyeenyaanan beeka. Waggoota Muraasaa as sababa wallaggaa ta’e qofaaf miidhaa isarratti geggeeffamu quba qabna. Miidhaan isarra ga’aa jiru kun immoo Oromoo kutaa tokkoo fi lamaatiin miti. Akkuma walii galaattidha. Dhugaa ishee kana osuma hadhooftuu liqimsaa. Taajjabbiin koo kan Ayyaana Irreechaa akkuma jirutti ta’ee sana dura waan muraasa wal gaafanna. Deebii qabduu? Yoo deebii qabaattan comment jala naaf keessu.

Elaa wanti isin hubachuu aabdan bakki jibbiinsi uummata Oromoo Wallaggaarratti akka labsamu taasifame Irreecha irraa hin eegalle. Inni kan Irreechaa 100% keessaa 5% dha.

Ijoolleen wallaggaa sababa dhalataa wallaggaa ta’an qofaaf magaalota Oromiyaa hunda keessaa siree itti kireessuun didamaa hin jiruu? Yoo kireeffatan illee abbaa hoteelaatiin qaama nageenyaatti eeruun kennamee hidhamaa hin jiranii? Kellaawwan gara garaarratti Waraqaa eenyummaa isaanii ilaalamee namarraa adda foo’amanii imalarraa hafaa hin juranii? hidhamaa hin jiranii? Buraayyuutti manni haa lakkaa’u🥲 Dhalataan wallaggaa Waraqaan eenyummaa isaanii ilaalamee hojii dhowwamaa hin jiranii? Kan bakka biraa hin dubbadhu Bakka an dhaladhe Beddellee keessatti duraan Ijoolleen Wallaggaa yeroo makara kan isaanii fixan hojiif gara keenya dhufanii hojjachaa turan waggoota muraasaa as hin dhowwamnee? Barataan dhaloonni isaa wallagga ta’e Yunivarsitii osoo deemuu karaatti butamaa hin jiruu? Hojjattoonni mootummaa dhalootaaan wallagga ta’an Godinaalee fi Aanolee Oromiyaa hunda keessatti wallaggummaa isaanii qofaaf dhiibbaan addatti irratti godhamu hin jiruu? Wallagga ta’ee yoo gaaffii mirgaa gaafate shanee jedhamee dhabama godhamaa hin jiruu? Dhaloonni kun nama “Wallaggarraa dhufe” jedhamu gaafuma argu akka sodaatu, akka qaamni sururu godhamee irratti hin hojjatamnee? Ijoollee wallaggaarra miidhaa bakka irreechaatti irratti raawwatumoo kan bakka biraatu caala?

Mee wal gaafannuu? Bakka Irreechaatti gaafa Ijoolleen wallaggaa sirbaa dhuftu ( Sirba Siyaasaa miti kanuma aadaa) itti makamtee wajjin sirbaa turtemoo karaarraa jalaa maqaa turtan? Maaliif wal sobna? Jara waliin walitti makamtanii akka hin taphanne kan isin godhe maali? Olola achi gaditti akka ijoollee wallaggaarraa qoollifattanuuf isinirrattu hojjatame mitii? Mana bunaatti, mana nyaataatti akka waliin hin dhugne hin godhamnee? Aniif ati hoo dhuguma garaarraa jaalannee waliin ni dubbannaa? Moo irra keessa haasofneetuma biraa deemna?

Dhimma irreechaatiin wal qabatee ammas gaaffii biraa.

Bara darbe yeroo “Wallaggaa fi shawaa” jedhamee ijoolleen walloltu inni kaan maaliif callisee ilaalaa ture? Dirreen sun dirree Irreechaatu bar. Bakka namni sun hundi dhaabbatutti yeroo gareedhaan nama tokko reeban inni kaan maaliif dhaabbatee ilaalaa ture? “ Wallaggaa fi shawaadha” inni dhaabbatee jedhu sun dhiisi jedhee adda hin qabuu? Nama lamaan nama tokko hin reebinaa hin jedhuu? Warri gaafa dhalataan wallaggaa nama 3n reebamu marsanii ilaalanis wallagga irraa ilaalcha dogoggoraa qabu jechuudha. Moo kan dhaabbatee ilaalu sun hunduu garee warra isa reebuuti? Miti. Dubbiin asii hin kaane.

Baasee hin dubbatu malee bakka hundatti wallaggummaan akka jibbamu wanti hojjatame jira. Oppireeshiniu godhamnee xiqqoon nu keessa kaa’amteetti. Falli jiru maaliree? Osoo dirree Irreechaa hin dhufin ilaalcha jibbiinsaa nu keessa facaafame sana balleessuudha. Gaafa Ijoolleen wallaggaa taphattu waliin taphachuu, sirbuudha. Dhugumaan keessa keenyaa jaalachuudha. Wallaggummaan yakka akka hin taane if amansiisuudha. Yoo kana goone warra Maafiyaa Dirree Irreechaatti dhuftee addatti ijoollee keenya adamsitu waliin dhaabbannee biyyeetti dabaluu dandeenya. Kanaan ala garuu ofii keetiifis gaafa wallaggi miidhamu irraa qoollifattee viidiyoo waraabaa jaalala isaanii natti agarsiisuu hin dandeessu.

An Irreecharratti harka caalu ijoollee wallaggaa waliinan taphachaa bule. Gaafa Warri Harargee dhufanis walumaanan fiiga. Gaafa shawaan dhufanis waliina harrub godha. Miira namoota baay’ee gaafan argu garuu ijoolleen wallaggaa gaafa sirbaa dhufan jalaa goru. Daandii gadi dhiisu. Isa kaan itti naanna’anii ilaalu. Kan isaanii garuu….

Dhugaa jiru bubburuqsinee walitti himaa yoo deemne malee hin taatu. Dura of qulqulleessinee kaanitti quba qabna. Ilaalchi wallaggi akka jibbamu godhamuuf hojjatame Kutaa 1 qofarratti miti. Iluutti, Buunnoottis, Jimmattis, Arsiittis, Baaleettis, Harargee, Boorana, Gujii… bakka hundattuu dhalataan wallaggaa fi bakka biraa ija walqixaan hin ilaalamu. Akkamitti yoo jettan tokko tokkoon walitti himaa deemuu dandeenya. Yaada keessan ilaallee itti fufna!

Taajjabbii Irreechaan addatti walitti deebina!”

Alamaayyoo Taayyee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *