Senataroonni Ameerikaa 6 walitti bu’iinsa Itoophiyaa keessatti hammaachaa jirutti waamicha dhiyyeessan.
Senataroonni Ameerikaa 6, Ministira Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoonii fi Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa mootummaa federaalaa Itoophiyaa, Adda Bilisummaa Ummata Tigraayii (TPLF) fi gareewwan hidhatanii isaan waliin hiriiran tibbana tumsa uummatan waliin mari’achuun, walitti bu’iinsa haaromfame dhaabuu fi gara araaraatti deebi’uuf waamicha akka godhan gaafachaa jiru.
Ibsa Koree Hariiroo Alaa Senetii Ameerikaatiin Wiixata Addis Standard’tti ergameen, Senataroonni Jeanne Shaheen, Cory Booker, Chris Coons, Jeff Merkley, Chris Van Hollen fi Tim Kaine, haalli nageenyaa biyyattii keessatti hammaachaa dhufuun waliigaltee nageenyaa bara 2022, kan waraana Tigraayi waggaa lamaaf ture xumure, laaffisuu akka danda’u ibsaniiru.
“Haala nageenyaa Itoophiyaa keessatti hammaachaa jiru irraa baay’ee yaaddofneerra,” jechuun senataroonni kunneen ibsaniiru. “Walitti bu’iinsi naannolee Tigraayi, Oromiyaa fi Affaar keessatti hammaachaa yeroo jirutti, waliigaltee waraana Tigraayi bara 2020–2022 xumure, kan Gamtaan Afrikaa araarsaa turee fi Ameerikaan cimsitee deeggarte, diigamaa jiru argaa jirra.”
Senataroonni kunneen, hawaasni idil-addunyaa qaamolee waliigaltee sana mallatteessan irratti dhiibbaa gochuun dhiphina jiru akka gadi buusan fi gara araaraatti akka deebi’an gaafachuu isaanii ibsaniiru. Walitti bu’iinsi haaromfame kun ammoo Gaanfa Afrikaa keessatti waraana biraa kaasuuf karaa saaquu danda’a jechuun akeekkachiisaniiru.
Gaanfa Afrikaa, duraanuu tasgabbii dhabaa jiru keessatti, waraana biraa uumamuuf balaan isaa baay’ee guddaa waan ta’eef, kanaaf carraa hin kenninu,” jechuun senataroonni kun ibsaniiru. “Muummee Ministiraa Abiyyi fi hoggansi Adda Bilisummaa Ummata Tigraayi dhiphina jiru tasgabbeessuuf tarkaanfii fudhachuu qabu.”
Isaanis Ruubiyoonii fi mootummaa federaalaa Itoophiyaa, hoggansa TPLF fi gareewwan hidhatanii isaan waliin hiriiran waliin mari’achuun, “walitti bu’iinsa haaromfame dhaabuu fi battalumatti gara araaraatti deebi’uuf” akka hojjetan gaafaniiru.
Ibsi senataroota kanaa, walitti bu’iinsa haaromfamee fi sochii waraanaa Kaaba Itoophiyaa keessatti taasifamaa jiru irratti yaaddoon idil-addunyaa dabalaa dhufaa jiruu hordofeeti. Kunis Tigraayi fi naannolee ollaa keessatti walitti bu’iinsota gabaafaman fi hiphina hammaachaa jiru dabalata. AS