Ajjeechaa Jumulaan Shawaa Lixaa Gindabarat keessatti raawwatame hedduu nama dhukkubsa

Shawaa Lixaa Aanaa Abuunaa Gindabarat  Ganda  Dagaa Xinnaa bakka addaa Mudhamaa jedhamutti manguddoo Fayyisaa Ejjataa jedhamu dabalatee namootni nagaan jumulaan ajjeefamuun dhagahame.

Ajjeechaa kanaan hanga ammaatti sababa isaa ifatti beekamuu baatus qaamota hidhateen meeshaa waraanaatiin ajjeefamuu maddeen naannichaa nuuf himaniiru.

Oromoon ganna bacaqii bahee barii Birraa lagatti bahee yeroo itti Araaraa fi nagaa biyyaa fi ummataaf kadhatutti gochaan hammeenyaa kun lammiilee nagaa irratti raawwatamu in hedduu nama gaddisiisa😭

Qe’ee Oromootti nagaa fi tasgabbiin akka dhufuuf lammiileen hundi gahee isaanii akka bahatan ammas Waamicha dhiyyeessina.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *