Oromiyaa bakkoota adda addatti Waraanni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo hidhuu jabeessee itti fufe.
(SQ-Amajjii 5,2022)
Kutaalee Oromiyaa adda adda keessatti tikniifi Waraanni mootummaa paartii Bilxiginnaa sabboontoota Oromoo maqaa WBO deeggertu, hariiroo waliin qabdu, odeessa kennituuf jedhu itti manxasuun hidhatti guuraa jiraachuu maddeen SQtti himan.
Haala kanaan Godina Harargee Bahaa Ona Giraawwaa ganda Jaarraa Abbaa Gadaatti namoonni hedduun waraana PP’n qabamuun mana hidhaa jiraachuu Odeesi SQ qaqqabee ifa godha.
Manguddoota fi daa’imman dabalatee namoonni hedduun hidhamaa jiru kan jedhan maddeen badii tokko malee uummanni mana hidhatti dararaa ulfaata argaa jira jedhu. Namoonni hidhaman kunneenis obboย Najjoo Jeyilaal, obbo Jamaaladdiin Mahaammud , obbo Araarsoo Kadir, obbo Araarsoo Mahaammad Ammee, Sheek Jamaal fi obboย ย Moosisaa Mootii kanneen jedhaman kanneen maqaan isaanii nuqaqqabe yoo ta’u kan maqaan isaanii adda hin baanes jiru jedhu maddeen.
kana malees namoonni kunneen waajjira poolisii ona Guraawwaa keessatti hidhamanii jiraachuus odeeffanneerra.
Achuma Godina Harargee Bahaa Ona Malkaa Baallootti dargaggoo Aliyyii Mika’eel jedhamu waraanni PP hidhus maddeen SQtti himaniiru.
Oduma walfakkaatun Godina Shawaa Kibbaa Lixaa Wallisoofi naannooshee, akkasuma Arsii bakkoota heddutti hidhaan waraana murna Bilxiginnaan uummata nagaa irratti raawwatu jabaate itti fufee jira.