Harageetti Jimaaf gabaan bilisaa dhibuun Ummatichi akka beelaan dhumuuf jedhame

Ummatni Harargee Jimaa oomishu gabaatti hin baafatiin jechuun beelaan dhumi jechuudha

 

Caamsaa 25/2023

 

Harageetti Jimaan akkuma Wallagaa fi Gujii keessaa warqiin bahee gabaaf oolu hawaasa Harargeef Jimaan warqee Shaakkisoo fi Najjoon tokko akka tahe Ummatni Harargee fi xinxaltootni ni himu.

 

Akkuma Oromiyaa bakkeewwan birootti oomishaaleen adda addaa oomishamanii gabaaf dhiyyaatu Hargee keessatti ummatni jimaa oomishatee jireenya isaa gaggeeffataa jiraata.

Dacheen harargee oomisha midhaanii kan hin baasne yoo tahu ummatichi Jimaa oomishuun daldala jimaan ofii fi maatii isaa jiraachisataa har’a kan gahe yeroo ammaa immoo sirna Oromoo hacuucuun barcuma aangoo isaa tikfachuuf carraaqu PPn Harargeen akka jimaa oomishate gabaatti hin dhiyyeeffannu danquun ummaticha balaa beelaaf saaxilee ummata Harargee jilbeenfachiisuuf akka akeekee hojjetaa jiru maddeen naannichaa nuuf himaniiru.

 

Akkuma Baalee fi Arsiitti Garbuuf Qamadiin oomishamu Shaggar keessatti xaafiin beekamu, wallagaa fi jimmaatti Bunaa fi saliixni oomishamee qonnaan bulaan baay’inaan gabaatti dhiyyeeffachuun waan oomishu gurguratee jireenya isaa gaggeeffatu Harargee keessatti ummatni jimaa oomishuun kan of jiraachisaa ture yeroo ammaa mootummaan afaan qawween aangoo of irraa qabuu fi garee saamtotaan of ijaaree nageenya ummataa booressuun jiraata ummata keenya Harargee akka isaan gabaa bilisaan Jimaa isaanii oomishatan gabaa Addunyaatti hin dhiyyeeffanne taasisuun yeroo ammaa ummata Harargee rakkoon jireenyaa qofaaf osoo hin taane qaala’insa jireenyaa irratti beelli akkan ummaticha akka miidhuuf kan karoorsee hojjetaa jiru tahuu beekameera.

 

Ummatni keenya Harargee yeroo ammaa kana erga Gabaan bilisaa ammaan dura karaalee ittiin jimaa oomishe gabatati dhiyyeeffatee gurguratee of jiraachisu hulaan isaa itti cufamee kisaaraa irra qaqqabeen ummatichi beelaaf saaxilamuun haala akkaan ulfaataa keessatti kufee jiraachuu jiratatotni Harargee ni dubbatu.

Haala amma Oromiyaa golee keessatti qaala’insa jireenyaan wal qabatee uumamee jiruun ummatni keenya balee beelaa fi waraanan kisaaraa keessa kang alee jiru yoo tahu addatti harargee keessatti immoo kan ummatni oomishatee ittiin of jiraachisu akka gabaatti hin dhiyyeeffanne dhorkuun beelli ummmata Harargee akka jilbeenfachiisuuf akka tahe ummati Harargee ni dubbata.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *