Harki Nagaaf diriire isa Jaal Battee Urgeessaa galaafatee waajjira ABO ugguree konkolaatota ABO saamee jirudhaa?
Mootummaan pp harki nagaaf diriire hin deebine jechuun tibbana hiriira ummata dirqamaan baasisee akka WBO bosona jiru galaniif Waamicha taasisan argaa jirra.
Harki Nagaaf PPn diriirse isa Qondaala Siyaasaa Jaal Battee Urgeessaa ajjeesee haqa isaa ukkaamse, isa Hogganntootaa fi qondaaltota ABO Waggaa 4 oliif mana hidhaatti dararee dhukkubootaaf saaxiledha.
Nagaan PPn diriirse isa qe’ee Oromoo golgoleessee isa nagaa Oromoo dhorku malee kan dhugaaf diriire akka hin taane Ummata Oromoo miti Addunyaan ragaadha.
PPn osoo nagaaf dursa kenna tahe Waajjiraalee ABO muummicha dabalatee kanneen cufee qabeenyaa isaa saamee fi saamsise deebisee akka banamuuf daandiin nagaa jiraachuu Addunyaattis Oromoottis mul’isuu qaba ture.
Ppn harka nagaaf diriirse hin qabu harka qaataa ummata Oromoo irratti harkisu malee.
Ppn osoo harka isaa nagaaf diriirse dargaggoota Ilmaan haadha hiyyeessaa ukkaamsee gara waraanaatti hin ergu ture.
Ppn nagaa barbaada osoo tahe maatii qabsaa’otaa hidhee dararuu hin qabu ture.
Sababa ijoolleen isaanii Bosona jiraniif kanneen mana hidhaa jiran kumaatamaan kanneen dararamaa jiran sababa nagaan dhibeef.
Nagaan afaaniin osoo hin taane gochaan argisiisuun dhufa ture.
Harki nagaaf diriire waajjiraalee ABO muummicha dhaabichaaf banaa taasisa, Konkolaatota ABO saamamanii waajjiraalee poolisii jiran deebisa ture.
Mootummaan afaaniin nagaa lallabaa harkaan qaataa qawwee harkisuun nageenyi dhufu hin jirus hin jiraatus.
Nagaan fakkeessuun osoo hin taane gochaan tahanii argamuun dhugooma.