Loltootni Ertiriyaa daangaa Itiyoophiyaa keessa seenuun lolaaf tuttuqqaa eegalaa jiru

Waraanni #Ertrea gara daangaa Itiyoophiyaatti seenuun Lola af qophii tahaa jiraachuun dhagahame.

Eertiraa waliin nagaa buusuu barbaanna” jechuun wayita Obbo Geetaachoo Raddaa, Pireezdaantiin Bulchiinsa Yeroo #Tigraay dubbataa jiranitti Humni waraanaa Ertrea immoo lolaaf daangaa Itiyoophiyaa keessa seenanii tuttuqqaatti jiraachuu maddeen gabaasaa jiru

Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay Geetaachoo Raddaan qormaanni siyaasaa hedduu jiraatuus, bulchiinsi isaanii Eertiraa waliin hariiroo nagaa uumuuf kutannoo akka qabu ibsanis gama Eritrean wanti dubbatame hin jiru.

Obbo Geetaachoon af-gaaffii gaazexaa biyya Xaaliyaanii ‘Avvenire’ jedhamu waliin taasisaniin, “Eertiraa waliin nagaa buufachuu barbaanna; kana booda waraanni filannoo ta’uu hin qabu,” jedhanii Ibsa kennanis loltootni Ertrea daangaa Itiyoophiyaatti siiqaa jiraachuu fi tuttuqqaa daangaa irraan eegaluun gabaasamaa jira.

Mootummaan Ertrea mootummaan Itiyoophiyaa waliin tahuun lola Naannoo Tigiraay keessatti gaggeeffame irratti qooda olaanaa kan bahate tahullee aararamuu mootummaa Federalaa fi mootummaa Naannoo Tigiraayitti gammachuu akka hin qabne ifatti dubbachuu baatus mootummaan Itiyoophiyaa waliin wal dhabdee keessa kan gale erga Araara Piritoriyaa boodadha.

Yeroo ammaa kanas loltootni Ertrea gara Daangaa Itiyoophiyaa keessa seenuun saamichaa fi yakkoota adda addaa qaqqabsiisaa kan jiranii fi lolaaf dubbii eegaluuttu jiru jedhameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *