Oromiyaa keessatti dargaggootni fedhii isaanii malee ukkaamsamuun gara waraanaatti ergamaa jiru.

#Ukkaamsaa โ€ผ๏ธ

๐Ÿ”ต “Dargaggootni ukkaamsamaa jira.” Warri ukkaamsaman fedha isaanii malee dirqisiifamuun gara leenjii waraanaatti ergamaa jiru” – jiraattota naannoo Oromiyaa

๐Ÿ”ด “Argannoowwan nuti arganne hedduutu jira” HRw

Jiraattonni Naannoo Oromiyaaย  akka jedhanitti, dargaggoonni naannoo Oromiyaa adda addaa irraa “humnoota tikaa mootummaatiin” rakkachaa akka jiranii fi ukkaamsamanii gara mooraa leenjii waraanaatti ergamaa akka jiran himu. Bakkeewwan gochoonni akkanaa itti raawwatamanitti mirgi bilisummaan socho’uu isaanii daangeffamee dhokatanii mana keessa oolaa akka jiranis ni dubbatu.

Bakkoota jiraattonni komatan kun caalaatti Baalee Roobee, Shaashmene, Arsii Negelee, Baatuu, Wenjii, Magaalaa Adaamaa ,Kutaa Magaalaa Shaggar, Harargee fi guutummaa Oromiyaa keessatti naannawaniiย  gochi ukkaamsanii fedhii malee gara waraanaatti erguu raawwatamaa akka jirus odeeffannooleen arganne ni mulโ€™isu.

Jiraattonni kunneenis, โ€œDargaggoonni ukkaamsamaa jiru. Fedhii isaanii malee hojii humnaa hojjetan irraa gara mooraa waraanaatti ergamuuf deemu jedhan.

“Dargaggoonni kun yeroo bashannanaaf ykn hojiif walitti qabamuuf karaa irra deeman, Humnootiin waraanaa fi Tikaa waloon dargaggoota kana humnaan fudhatanii konkolaataa keessatti fe’anii gara naannoo biraatti geeffamu,” jechuun jiraattotni ni dubbatu .

“Kana dura bakka dargaggoonni itti walitti qabaman kan akka DSTV , Pool House (Mana pool) irraa ture, kan uggaraman amma garuu kanneen karaa irra jiran illee baay’inaan fudhatamaa jiru” jedhame.

Haalli daa’imman waggaa 15 hanga 18 ta’an itti fudhataman akka jiru ibsaniiru.

Jiraataan Magaalaa Shaashamannee jecha isaa kenne tokko “Miseensi maatii Shaashamannee irraa beeknu tokko fudhatameera” jedheera. Shashamannee irraa fe’amanii gara naannoo Wolayta sooddoo akka deeman maatii isaatti hime jedhe.

Jiraataan magaalaa Adaamaa tokko “namoonni sodaataniiru, keessattuu dargaggoonni” jedhan. Kanneen haala amma jiru sodaachuun hojii dhiisanii yeroon gara biyyaatti deebi’an jiru. Kanneen buqqifamna jedhanii sodaatanii manaa bahan jiru. Akka waan yeroon murtaa’e jiruutti namni ala jiru sa’aatii 12:00tti mana seenuuf ariifata jechuun ibseera.

“Sababa malee nama hidhu. Namni tokko qarshii qabaatee 20,000-30,000 kaffaluu yoo danda’e gadi dhiisu.” Kan hin dandeenye immoo ni fudhatama,” jechuun dabalaniiru.

Hiriyaan isaa tokko hojjetaa baankii ta’uu isaa ragaa agarsiisee dhiheenya kana qabamee gadhiifamuu isaa akeekeera.

Bakkeewwan gochi kun itti raawwatamaa jirutti namoonni manaa baโ€™anii hojii hojjechuu akka sodaatan ibsaniiru. Mirgi keenya kun yoom kabajama? Kanaan duras dhangala’aa ture. Amma garuu hammaateera ,” jedhuun jiraattonni .

Haadholiin ijoollee isaanii ollaa jiraatan irraa illee fuudhanii kadhataan bakka itti qabaman keessaa baasan baay’eedha.

Keessattuu dargaggoonni erga hidhamanii booda gara bakka tursiisaatti geeffamu.

Miseensi Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa (ESMECO) tokko waa’ee ukkaamsaa jedhame kana irrattis komiin ukkaamsaan jira jedhu sirrii ta’uu nutti himanii jiru.

Komishiniin Mirga Namoomaa waan naannoo Oromiyaa adda addaa keessatti ta’aa jiru, dargaggoota ‘dirqisiisanii gara waraanaatti ‘ deemtu jedhee dhagahee jira dhimma isaas qorachaa jirra jechuun HRW yeroo gaafataman deebii kennaniiru.

a ummataaf ni kenna.

“Adeemsa keessa maal akka ta’e ni ilaalla.” Garuu dubbiin hojii baay’een hojjetameera. Ibsichi yeroo gadhiifamu ni argatta.

Ukkaamsaan jiraachuu kan mirjaneeffate komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaaย  “naannolee Oromiyaa hedduu daawwannee bakka tursiisa namootaa argineerra” jechuun deebii kennee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *