“Itiyoophiyaan walitti bu’iinsa balaafamaa lubbuu fi jireenya ummata ishee gaaga’u keessaa akka baatuuf Amerikaan deeggarsa itti fufti” jedhan Ambaasaaddarri Ameerikaa Ervin Massinga
Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Ervin Massinga haala yeroo Itoophiyaa fi tumsa Ameerikaan bara haaraa 2025 kanatti taasiftu ilaalchisuun tibba kana ibsa kennaniin Ameerikaa fi Itoophiyaan hariroo waggoota 120 lakkoofsise kan qaban ta’uu eerun,ammas, walitti bu’iinsa keessoo lubbuu fi jireenya lammilee gaaga’aa jiru furuu keessatti tumsi Ameerikaa daran kan cimu ta’uu himan.
USAn”Itiyoophiyaa walitti bu’iinsa balaafamaa lubbuu fi jireenya ummata ishee gaaga’u keessaa akka baatuuf deeggarsa itti fufti” jedhan ambaasadarichi Ibsa isaaniin
Gareewwan hidhatanii naannoowwan Amaaraa fi Oromiyaa keessa socho’an mootummaa waliin mari’achuuf qophii ta’an deeggaruufis qophiidha jedhaniiru.