Itoophiyaa keessatti walabummaan miidiyaa sarbamaa jiraachuun ibsame.
(SQ-Caamsaa 4,2023)
Bara darbe qofa gaazexeessitoota 29 kan hiite Itoophiyaan walabummaan miidiyaa impaayerattii keessatti akkaan sarbamaa jiraachuu dhaabbanni mirga namaaf falmu Amnist Inernaashinaal fi Inistitiyuutiin miidiyaa Kibba Afrikaa tokko ibsan.
“Aangawoonni fedhii walabummaa miidiyaa sarbuuf qabaniin gaazexeessitoota irratti haleellaa geggeessu, gochi kun ammoo Bahaa fi Kibba Afrikaatti daran dabalaa jira” jedhu dhaabbileen kun.
Dhaabbileen kun kana kan jedhan, kabaja guyyaa walabummaa miidiyaa ilaalchisuudhaan ibsa waloo kennaniin yommuu ta’u, Afrikaa keessaa Itoophiyaa dabalatee biyyoota 10 kan walabummaan miidiyaa keessatti sarbamaa jiruu fi gaazexeessitoonni haleelamaa jiran akka ijootti kaasuudhaan xiinxala itti kennaniiru.
Bahaa fi Kibba Afrikaa keessatti haleellaan, hidhaan, doorsifnii fi dararaan adda addaa gaazexeessitoota irratti kan raawwatamaa jiru ta’uu fi kun ammoo gocha yaaddessaa akka ta’e Amnist Internaashinaal ibseera. “Biyyoota kanneen keessatti aangawonni miidiyaalee malaammaltummaa fi daba isaanii saaxilan haga cufsiisuutti tarkaanfii irratti fudhachaa jiru” jedha.
Akka ibsa dhaabbilee kanaatti Rippaablikni Dimokiraatawaa Koongoo walabummaa miidiyaalee sarbuudhaan sadarkaa 1ffaa irratti argamti. Itoophiyaan bara darbe qofa gaazexeessitoota 29 hidhuudhaan biyyoota walabummaa miidiyaa sarban keessaa Koongootti aantee 2ffaa irratti argamti.
Itooohiyaan gaazexeessitoota hidhuu fi hojii miidiyaa danquudhaan walabummaa miidiyaa sarbuushee kana akka dhaabdu Amnist Inernaashinaal fi Inistitiyuutiin miidiyaa Kibba Afrikaa gaafataniiru.